Hojiileen fayyadamummaa hirmaannaa hunda galeessa dubartootaa guddisan naannichatti hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen fayyadamummaa hirmaannaa hunda galeessa dubartootaa guddisan naannichatti hojjetamaniiru
Sadaasa 17/2018(TOI)-Kurmaana kana keessatti hojiiwwan hirmaannaa dubartootaa fi fayyadamumma isaanii guddisan Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii naannichaa beeksiseera.
Hoggantuu biiroo dimma dubartootaa fi daa’immanii naannoo Oromiyaa aadde Mabraat Caalaa turtii TOI waliin taasisaniin akka jedhanitti, naannichatti hirmaannaa dubartootaa siyaasaan, diinagdeen fayyadamummaa isaanii hojiileen cimsan hojjetamaniiru.
Keessumaa immoo carraa dubartoonni misooma biyyaalessaa keessatti gumaachan babal’isuuf, itti gaafatamummaa mana hojii mootummaa keessatti dabaluudhaan tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf, kurmaana waggaa kanaatti dubartoota kuma 3’f qonna magaalaa fi baadiyaa irratti hirmaachisuun fayyadamoo akka ta’an taasifameera.
Akka fakkeenyaatti godina Booranaa magaalaa Yaaballoo fi Shawa Lixaa aanaa Ejeree keessatti dubartoonni galii gadi aanaa qaban horsiisa furdisa loonii fi horsiisa loon aannanii irratti akka bobba’an taasifamuu eeraniiru.
Tajaajila kenniinsa lammummaa Gannaatiin dubartoota rakkoo hammaataa keessa turan hedduuf manni jireenyaa ijaaramuufii himaniiru.
Mirgaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetame ta’uu hoggantuun biirichaa ibsaniiru.
Miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf hojii hojjetamaa jiru cinaatti toora bilbilaa bilisaa 919 hundeessuun miidhaa dubartoota irra gahu eeruu fudhachuuf akka gargaarus himaniiru.
Hawaasa miidhaa dubartoota irratti raawwatamu hin obsine uumuu fi guyyaa Riivaanii Adii kabajuuf sosochiin ji’a tokkoof akka gaggeeffamus ibsaniiru.
Kunis gareewwan miidhaaf saaxilamoo ta’aniif tajaajila deeggarsa xiinsammuu fi seeraa akka argatan dandeettii dabalataa kan kennu ta’uu ibsaniiru.