Siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama
Sadaasa 17/2018(TOI)- Siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo Magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu manni maree qulqulleessituu Heera Mootummaa Federaalaa beeksise.
Gumiin qulqulleessituu kun siimpooziyeemiin idil-addunyaa manneen murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi dhaabbilee wal-fakkaatoo 4ffaa ilaalchisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsicha kan kennan Daarektara Olaanaa Waajjira Mana maree qulqulleessituu Dhimma Heera Mootummaa Dassaaleny Wayyeessaa , simpooziyeemichi sadaasa 19 Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamuu eegala jedhaniiru.
Simpooziyeemicharratti Pirezidaantonni Mannee Murtii Heera Mootummaa biyyoota miseensaa, hayyoota damichaa dhaabbilee Idil-Addunyaatti hojjetan, akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef biroon akka hirmaatan dubbataniiru.
Manneen Murtii Heera Mootummaa Afriikaa fi Simpooziyeemii Idil -Addunyaa Dhaabbilee wal-fakkaatuu mata duree “heera mootummaa fi ijaarsa mootummaa” jedhuun akka gaggeeffamu beeksisaniiru.
Waltajjicharratti Itiyoophiyaan muuxannooshee akka qoodduu fi qorannoowwan hedduu damichaan gaggeeffaman dhihaatanii mariin akka irrtti gaggeefamu hubachiianiiru.
Keessummoonni simpooziyeemicharrtti hirmaachuuf gara Itiyoophiyaa seenaa jiraachuu eeruun, turtii hirmaattonni taassisanin Finfinneetti bakkeewwan adda addaa akka daawwatan ibsaniiru.
Simpooziyeemicha haala milkaa’een gaggeessuuf haal-dureen qophii xumuramuu dubbataniiru.