Tamsaasa Kallatti:

Vaayirasii Marbargi yeroo gabaabaa keessatti ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jira

Sadaasa 17/2018(TOI)- Vaayirasii Marbargi yeroo gabaabaa keessatti ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.

Haala waqtaawaa vaayirasii marbargii fi hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiran ilaalchisee ministirafayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaa Dr.Masaay Haayiluu ibsa kennaniiru.

Wayita kana Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, dhibeen vaayirasii Marbargi uumamuunsaa erga ibsamee eegalee hojiin hordoffii cimee itti fufeera.

Vaayirasicha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hojiin adda baasuu, fayyaa hawaasaa eeguun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Gareen Ogeeyyii gurmaa’ee hubannaa hawaasaaf kennuun, hubannaa hawaasaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga har’a ganamaatti namoonnii 73 qoratamanii namoonni 11 vaayirasichaan qabamuunsaanii mirkanaa’uu fi lubbuun namoota 6 darbuu hubachiisaniiru.

Namoonni dhukkubsattoota waliin hariiroo qaban 349 adda bahanii hordoffiin taassifamaafii jiraachuu fi namoonni 119 yeroo hordoffiisaanii xumuranii bakka adda baafamanii bahuusaanii dubbataniiru.

Laabiraatoorii socho’aan qorannoon taassifamaa jiraachuu eeruun, qorannoo laabiraatoorii cimsuuf bal’inaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Biyyoota dhukkubichi itti mul’atee ture walin muuxannoo waljijiirraa gaggeessuun saaxilamummaa hir’isuu fi daawaa wal’aansaaf barbaachisan gara biyya keessaatti galchuun dhaqqabamaa taasisuu ibsaniiru.


 

Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaa Dr.Masaay Haayiluu gamasaaniin, hojiin Vaayirasii Marbargi ittisuu, sakatta’uu fi hawaasaaf hubannaa uumuu cimee itti fufuu dubbataniiru.

Nannoo Kibba Itiyoophiyaatti sakatta’insi manaa manaa gaggeeffamaa jiraachuu fi qaama dhimmi ilaallatu waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015