Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan yaa’ii Garee 20 irratti hirmaachuun ishee dhagahamummaan idil-addunyaa irratti qabdu sadarkaa olaanaa irra ga’uu isaa kan agarsiisudha

Sadaasa 17/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii Garee 20 tibbana Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti hirmaachuun ishee dandeettiin dippilomaasii fi dhagahamummaan idil-addunyaa irratti qabdu biyyattiin sadarkaa olaanaa irra ga’uusaa kan agarsiisu ta’uu Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu himaniiru. 

Ministirri muummee  Dr. Abiy Ahmadii fi jilli isaaniin durfamu Afrikaa Kibbaatti waltajjii garee 20 irratti kan hirmaatan yoo ta’u, waltajjichaan cinatti hoggantoota biyyoota hedduu waliin wal quunnamuun marii bu’a qabeessa taasisuun isaanii ni beekama.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu TOI waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, biyyoonni garee 20 diinagdee addunyaa kanaa dhibbentaa 80 kan sochoosan kan walitti fide ta’uu himaniiru.

Waltajjichi kallattii diinagdee addunyaa kanaa fi faayinaansii kan murteessu, keessumaa faayinaansii dhimmoota misooma diinagdee kan itti murtee argatan ta’uu eeraniiru.

Hirmaannaan bu’a qabeessi Itiyoophiyaan waltajjicha irratti taasiftes, addunyaa irratti dhagahamummanii fi dhiibbaa uumuun ishee guddachaa dhufuu isaaf agarsiiftuudha jedhan.

Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad waltajjicha cinatti dhaabbilee fi hoggantoota biyyoota adda addaa waliin turtiin taasisan tumsa misooma faayinaansii fi hariiroo dippiloomaasii irra caalaa kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Keessattuu Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad ergaa konfiraansii kanaaf dabarsan keessatti Itiyoophiyaa fi Afrikaan daandii ol’aanaa irra akka jiran cimsanii akka dubbatan eeraniiru.

Doktar. Abiy misooma magaalaan, qonna, oomishtummaa industirii fi sirna ikkoo dijitaalaa irratti jijjiiramni abdachiisaan mul’achaa jiraachuu waltajjii biyyoota Garee 20tti himuu isaanii eeraniiru.

Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ajandaawwan misoomaa kan ishee irra darbitee, misooma Afrikaaf ajandaawwan dhageessisuun dhiibbaa gaarii uumaa jirti jedhan.

Itiyoophiyaan waltajjii kanarratti ergaa akka dabarsitu affeeramuun ishee, dhiibbaan dippiloomaasii sadarkaa olaanaa irra gahuu isaa fi dhagahamummaan ishee akksumas kabajni biyyaalessaa ishee dabalaa dhufuusaaf agarsiiftuu dha jedhan. 

Walgahii Garee 20 irratti hirmaannaa milkaa’aa biyyattiin taasifte,  bayyanachuu dippilomaasii ishee haaromsaa akka jirtu kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.

Obbo Jaafaar Itiyoophiyaan kanaan dura waljtajjii ‘BRICS’ irratti affeeramtee miseensa akka taate hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015