Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Affaaritti bay’inni turistootaa dabalaa jira

Sadaasa 17/2018(TOI)-Naannoo Affaaritti lakkoofsi turistoota biyya keessaa fi alaa haala olaanaan dabalaa jiraachuu biiroon turizimii naannichaa beeksise.

Naannoon Affaar lafa argama dhala namaan dabalatatti, bakka argama dhowinsa volkaanoo Eertaallee, lafa gadi aanaa Daaloolii fi bakkeewwan uumama ajaa’ibsiisoo ta’an qabaachuun ishee akka turistoonni biyya keessaas ta’e kan biyya alaa dabaluuf shoora olaanaa bahateera.

Naannoon Affaar bakkeewwan hawata turistootaa ta’an hedduu qabdi; lafti gadi jedhaan Daalool waggaa guutuu calaqqisa bifa warqee qabu, bakki argama oomisha ashaboo ykn soogiddaa haroo Daalool fi bakkeewwan hawata turistootaa ta’e dhowinsi volkaanoo Eertaallee bakkeewwan dinqisiisoo ta’anidha.
 

 Kanaafuu, bakkeewwan hawattoonni uumamaa fi namtolchee kanneen biroo gara iddoowwan tuuriizimiitti qabatamaatti jijjiiruuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan Biiroo Tuurizimii Naannichaatti Daarektarri Iddoowwan gahumsa Tuurizimii fi Misooma Paarkii obbo Mohaammad Hasan.

Bara kana ji’oota sadan jalqabaa qofa keessatti turistoonni biyya alaa kuma 1 fi 300 naannoo Affaar naannolee adda addaa daawwachuun galii birrii miiliyoona 88 ol argamsiisuu isaanii eeraniiru.

Qabeenya turizimii naannichaa bal’inaan beeksisuu fi bakka boqonnaa Sulxaan Aliimiraa Hanferee dabalatee bakkeewwan hawata turizimii biroo misoomsuun guddina damichaaf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Hojmaata haaraa damee kanarratti tajaajila fooyya’aa kennuuf hojiirra ooluu isaa ibsaniiruu waajjirichatti Daarektarri Gabaa fi Guddina Tuurizimii obbo Abduu Ahimad.

Hojiilee hojjetaman akka fakkeenyaatti kan eeranis, Waldaaleen turizimii kaffaltii tajaajilaa sirnaan adeemsisuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru, akkasumas fooyyessi qajeelfama hojmaata turizimii daawwachiiftonni damee kanarraa fayyadamoo akka ta’aniif taasifames bu’aa argamsiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015