Xiyyeeffannoon misooma Bunaaf kenname daldala alergiirratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Xiyyeeffannoon misooma Bunaaf kenname daldala alergiirratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira
Sadaasa17/2018(TOI)-Xiyyeeffannoo mootummaan omishaa fi omishtummaa bunaaf kennee fi fooyya’insi imaammataa taassifame guddina Al-ergii damichaaf bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu Al-ergitoonni Bunaa beekamtiin isaaniif kenname ibsan.
AbbaanTaayitaa Bunaa fi shayii milkaa’ina raawwii karoora bara 2017 qaamolee qooda fudhattootaa gumaacha olaanaa taassisaniif sagantaa beekamtii gaggeesseera.
Al-ergitoota beekamtiin kennameef keessaa hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbata ‘SA’ Bagreesh Abdallaa Baagreesh waggoottan darban daldala bunaarratti muuxannoo guddaa akka qaban ibsaniiru.
Jijjiiramaan booda damee bunaan dadammaqinsi guddaan argamuu ibsuun, keessumaa waggaa darbe qooda olaanaa gumaachaniin badhaasaaf gahuusaanii dubbataniiru.
Kanaanis buna gabaa alaaf dhiheessan hangaa fi galiin bu’aa guddaa galmeessisuu ibsuun, Buna Itiyoophiyaa qulqullinaan gabaa Addunyaaf dhiheessaa jiraachuu beeksisaniiru.
Mootummaan rakkoowwan damichaan jiran furuuf tarkaanfiiwwan fudhateen bu’aa qabatamaa argamsiisuu eeraniiru.
Baankiin biyyoolessaa fooyya’insa imaammataa taassiseen raawwii damichaa akka guddise dabaluun ibsaniiru.
Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa deeggarsa fi hordoffii damichaaf taassiseen guddina raawwii damichaaf qooda olanaa gumaacheera.
Itti Aanaan Hojii raawwachiisaa damee Qonnaa Midirook Invastimant Giruup Fallaqaa Taaddasaa gamasaaniin, beekamtichi damichaan bu’aa caalu galmeessuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan omishtummaa bunaa mirkaneessuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu eeruun, akka fakkeenyaatti buna dulloome gamashuu akkasumas buna haaraa dhaabuun hojiin hojjetame bu’aa guddaa argamsiisuu dubbataniiru.
Akkasumas fooyya’insi diinagdee gooroo baay’eensaanii gara Al-ergiitti akka calchisan qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru.
Hundeessaa fi hojii gaggeessaan waldaa buna Isseet, Isseet Bareggaa dhaabbannisaanii buna sonni itti dabalame gabaaf dhiheessuun rawwii bu’aa qabeessa galmeessisuu dubbataniiru.
Fooyya’insa imaammataa fi onnachiiftuu Mootummaan taassisee guddina hojiisaaniif gumaacha olaana gumaachuu eeruun, galma damichaan akka biyyaatti qabame milkeessuuf qooda isaanirraa eegamu akka bahan mirkaneessaniiru.
Mootummaan dhaabbilee bunarratti sona dabaluun gabaaf dhiheessaniif onnachiiftuu kenneen fayyadamoo ta’uu hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Caakkaa bunnaa Bisraat Balaayi ibsaniiru.
Carraa gaarii isaaniif uumameen fayyadamuun milkaa’ina caaluuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.