Riifoormiin diinagdee biyya keessaa yaa’insi invastimantii kallattii alaa akka dabalu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin diinagdee biyya keessaa yaa’insi invastimantii kallattii alaa akka dabalu taasiseera
Sadaasa 17/2018(TOI)- Riifoormiin diinagdee biyya keessaa baay’inni invastimantii kallattii alaa akka dabalu taasiseera jedhan Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dagaatoo Kumbeen.
Komishinar Dagaatoo Kumbeen TOI waliin turtii taasisaniin dhaabbileen Kanaan dura abbootii qabeenyaa biyya alaaf cufaa turan yeroo ammaa banaa ta’uun isaa invastimantiin alaa akka dabalu carraa baneera jedhan.
Sirni bulchiinsa sharafa alaa gara sirna gabaa irratti xiyyeeffateetti ce’uu isaas eeraniiru.
Kunis diinagdee biyyaalessaa fooyyessee, haala invastimantii fi daldalaa mijataa kan uume yoo ta’u, hirmaannaa damee dhuunfaa dadammakseera jedhan.
Bara baajataa 2017 qofatti invastaroota biyya alaa 525’f eeyyamni invastimantii akka kenname yaadachiisuun, sadarkaan kaappitaalaa doolaara biliyoona afur akka gahuu danda’es himaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Itiyoophiyaa dhufanii qabeenya isaanii invasti kan gochaa jiran yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu eeraniiru.
Dhaabbilee faayinaansii dabalatee, dhaabbileen hedduun invastaroota biyya alaatiif banamuun isaanii invastimantiin kallattii alaa akka dabalu gumaacheera jedhan.
Qaawwi seeraa fi hojmaataa invastimantiif mijaa’aa hin turre adda baafamuun akka fooyyeffaman taasifamuun,invastaroonni biyya alaa akka dabalan taasiseera jedhan.
Riifoormiin diinagdee biyya keessaa baay’inni invastimantii alaa akka dabaluuf shoora olaanaa bahateera jedhaniiru.
Bara baajataa 2018 ji’oota afran jalqabaa keessatti ragaa (piroofaayilii) invastaroota kuma 4ii Itiyoophiyaa keessatti invasti gochuuf fedhii qaban sakatta’amuu beeksisaniiru.
Riifoormii diinagdee biyya keessaa hojiirra oole rakkoon mudatus, diinagdeen Itiyoophiyaa guddina olaanaa galmeessuu akka danda’e Ministirri Karooraa fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa ibsuun isaanii ni yaadatama.