Tamsaasa Kallatti:

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa leenjii fudhachaa turan Misooma Magaalaa Finfinnee daawwachaa jiru

Sadaasa 17/2018(TOI)-Marsaa 2ffaan magaalaa Finfinneetti leenjii fudhachaa kan turan hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa misooma magaalaa Finfinnee daawwachaa jiru.

Leenjiin Hooggantoota Paartii Badhaadhinaa mata duree "Ilaalcha Mootummaa Ida'amuun Guddina Dameelee" jedhuun hoggantoonni Federaalaa fi magaalaa Finfinnee leenjii fudhataa turan Paarkii Araadaa daawwataniiru.

Hirmaattonni leenjichaa yeroo ammaa misooma qarqara lagaa, babal’ina Hospitaala Zoodituu fi pirojektoota biroo magaalicha keessatti hojjetaman daawwachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015