Sadarkaa Biyyoolessaatti Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri miliyoona 4 ol ni misooma - ENA Afaan Oromoo
Sadarkaa Biyyoolessaatti Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri miliyoona 4 ol ni misooma
Sadaasa 16/2018(TOI )-Bara bajataa 2018 qabametti lafa hektaara miiliyoona 4 ol irratti Qamadiin Jallisii boneen akka Misoomu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministirru Qonnaa Addisuu Araggaa, Ministirri Jallisii fi Naannoowwan Gammoojjii Dr.Abrihaam Balaay, Ministirri Bishaanii fi Albuudaa Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hoggantooni olaanoo federaalaa fi Naannoo Amaaraa fi bulchiinsa godina sablammii Oromoo Aanaa Daawaa caffaatti facaasaa qamadii bonee har’a eegalchiisaniiru.
Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti akka ibsanitti, bara kana akka biyyaatti lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 2 ol qamadii jallisii boneen omishuuf hojiin facaasaa gaggeeffamaa jira.
Haala Makaanaayizeeshiniin deeggarameen misooma jallisii misoomurraa callaan kuntaala miiliyoona 175 ol akka eegamu ibsaniiru.
Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaara miiliyoona 1 caalu facaafamuu ibsaniiru.
Omishtummaa misooma Qamadii guddisuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu fi gabaa Alaaf dhiheessuu xiyyeeffannoon raawwatamaa jira jedhaniiru.
Kanaanis amman dura lafa qamadiin misoomee hin beekne gara misoomatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Har’a naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina bulchiinsa sablammii Oromootti hojiin misoma jallisii bonee gaggeeffamaa jiru agarsiistuu kanaa ta’uu kaasaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan kilaastara baadiyaa Dr. Diras Saahiluu gamasaaniin, naannichatti lafa hektaara kuma 350 ol ta’u jallisii qamadii boneen misoomsuuf hojjetamaa jira.
Misoma jallisii kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 13 tuqaa 6 ol argachuuf karoorfamuu ibsuun, omishtummaa guddisuuf dhiheessiin galtee fi teekinooloojii taassifamaa jira jedhaniiru.
Bulchaa Godina sablammii oromoo Obbo Ahimad Alii akka ibsanitti, misooma jallisii tekinooloojiin deeggaruun nyaataan of danda’uurra darbee omisha gabaaf gahu omishuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kanaanis misooma jallisii boneen lafa hektaara kuma 12 ol irratti qamadii misoomsuuf karoorfamee hojiin facaasaa eegalamuu ibsaniiru.
Qonnaan bulaaf teekinooloojii fi galtee dhiheessuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee omishasaa gabaaf akka dhiheessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jira jedhaniiru.