Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa nuuf taasifameen Agartuun keenya deebi’uutti gammanneera - ENA Afaan Oromoo
Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa nuuf taasifameen Agartuun keenya deebi’uutti gammanneera
Sadaasa16/2018(TOI )- Hospitaala Nagallee Boranaatti wal’aansa bilisaa moora ijaa taassifameefiin agartuunsaanii deebi’uusaan rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’ate wal’aanamtonni ibsan.
Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaa Minci tajaajila wal’aansa Moora Ijaa Hospitaala Nagallee Booranaatti eegaleera.
Godinichatti Jiraatan Aanaa Liiban Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo, sababa dhibee moora ijaan hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun turuu yaadataniiru.
Wal’aansa argachuuf humna akka hin qabne kaasuun yeroo rakkatanii turanitti Hospitaalli Nagallee Booranaa tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef gammadaniiru.
Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo guyyaa guyyaan isaan mudachaa ture akka irraa hir’isu abdii horataniiru.
Jiraataan magaalaa nagellee Boorana Haajii Abdul Qaadir Ibiraahim, sababa dhibee Moora ijaan arguu dadhabanii waggaa Afur dabarsuusaanii ibsaniiru.
Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti yaalamanis fayyuu akka hin dandeenye eeruun yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taasiseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru.
Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin fayyina argachuusaanii Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru.
Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu danda’uusaaniif miseensota garee wal’aansaa kana galateeffataniiru.
Hospitaala Arbaa Minicitti dursaan garee wal’aansa moora ijaa bilisaa Obbo Dammaqaa Dabbabaa, doktaroota wal’aansa ijaa fi ogeeyyii fayyaa qabatanii Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru.
Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa bilisaa moora ijaa namoota 500’f kennuuf karoorsuusaanii ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa Bonayyaa Liiban gamasaaniin, wal’aansa moora ijaa argachuuf godinaa fi aanaalee ollaarraa gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru.
Wal’aansa bilisaa baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan kennamuu ibsaniiru.