Tamsaasa Kallatti:

Ji’oota afran darbanitti lammiileen kuma 221 ol biyya alaatti carraan hojii akka argatan taasifameera

Sadaasa 16/2018(TOI)- Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee kuma 221 ol ta’aniif carraan hojii biyya alaa akka uumameef Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.

Gama biraatiin lammiilee kuma 988 ol ta’aniif carraan hojii biyya keessaa uumamuu ibsameera.

Deetaan Ministira, Ministiraa Hojii fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa TOI waliin turtii tasisaniin akka jedhanitti, pirojektoonni misoomaa imala badhaadhina Itiyoophiyaa daran cimsanii itti fufsiisan bal’aan hojjetamaa akka jiran himaniiru.

Haala carraa hojii uumuu babal’isuuf imaammata, labsii, fi sirna hojii diriirsuun humna namaa dorgomaa fi gahumsa qabu,beekumsaa fi dandeettii hidhate horachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Imala guddina Ityoophiyaa saffisiisuuf akkasumas humna hojjetaa industirichatti akka makamuuf leenjiin teeknikaa fi ogummaa yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa kennamaa jira jedhan.

Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 3 carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 988 oliif uumamuu beeksisaniiru.

Biyyoota alaa waliigalteen qaxarrii waliin mallattaa’e keessatti lammiilee kuma 221 fi 641f hojiin uumameefii jira jedhan.

Itiyoophiyaanonni damee hojii adda addaa isaaniif uumame irratti hirmaachuun, of irra darbanii lammiilee isaaniif carraa hojii uumaa akka jiran ibsaniiru.

Daldaltoonni seeraan alaa maqaa hojjetaa biyya alaatti ergina jedhuun karaa miidiyaa onlaayinii lammiilee gowwoomsuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015