Tamsaasa Kallatti:

Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa arganneen Agartuun kenya deebi’uutti  gammanneera

Sadaasa16/2018(TOI )-   Hospitaala Nagallee Boranaatti  wal’aansa bilisa moora ijaa  taassifameefiin  agartuunsaanii  deebi’uun  rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka  hir’ate wal’aanamtonni ibsan.

 Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaamincitti  tajaajila wal’aansa Moora  Ijaa  Hospitaala  Nagallee Booranaatti eegaleera.

Godinichatti  Jiraatan  Aanaa Liiban  Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo,  sababa dhibee moora ijaan  hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun  turuu yaadataniiru.


 

Wal’aansa fudhachuuf humna akka hin qabne kaasuun  yeroo rakkatanii turanitti   Hospitaalli Nagallee Booranaa   tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef  gammadaniiru.

Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo  guyyaa  guyyaan isaan mudachaa ture  akka  hir’isuufi abdii  godhataniiru.

Jiraataan magaalaa nagellee Boorana  Haajii Abdul Qaadir  Ibiraahim , sababa dhibee Moora ijaan  arguu dadhabanii  waggaa Afur dabarsuusaanii  ibsaniiru.


 

Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti  yaalamanis  fayyuu akka hin dandeenye eeruun  yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taassisseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru.

Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin   fayyina argachuusaanii   Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru.


 

    Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin  gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu  danda’uusaaniif  miseensota garee wal’aansaa kana  galateeffataniiru.

Hospitaala Arbaaminicitti dursaan  gareen wal’aansa moora ijaa bilisaa   Obbo Dammaqaa Dabbabaa , dokteroota wal’aansa ijaa fi  ogeeyyii fayyaa qabatanii    Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru.


 

Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa  bilisaa moora ijaa kennamuun  namoota 500’f bilisaan kennuuf karoorsuusaanii  ibsaniiru.

  Hojii gaggeessan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa  Bonayyaa   liiban  gamasaaniin , wal’aansa  moora ijaa  argachuuf godinaa fi aanaalee ollaatii   gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru.

Wal’aansa bilisaa  baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo  eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan  kennamuu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015