Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura godhatedha- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura godhatedha- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 16/2018(TOI )- Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura kan godhate ta’uu itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti Aanaan Ministira Muummee sagantaa beekamtii fi galateeffannaa raawwii karoora bara 2017 Abbaa Taayitaa bunaa fi shayii Itiyoophiyaarratti argamaniiru.
Wayituma kana, xiyyeeffannoo addaa Mootummaan jijjiiramaa damee qonnaatiin misooma bunaaf kennee fi tumsa qindaa’aa qooda fudhattootaan waggoottan darban jijjiiramoota dinqisiisoo galmeessifneerra jedhan.
Omishtummaan baay’ee dabaleera, qonnaan bultonni buna omishan misooma bunaan abdii kutachuu keessa bahanii hara’a miliyeenara ta’aa akka jiran ibsuun, bara baajataa 2017 seenaa keenya keessatti yeroo jalqabaaf buna toonii kuma 470 gara Alaatti erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argameera jedhan.
Bu’aan kun hanga omishaanis ta’e galiin seenaa haaraan kan raawwatame dha jedhaniiru.
Bara baajataa qabametti buna toonii kuma 600 erguun galii doolaara biiliyoona 3 ol argachuuf galma qabanne milkeessuuf qulqullina fooyyesuu fi sona itti dabaluun gara alaatti eguun xiyyeeffannoo ta’uusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Addunyaarraa Omisha Bunaan, Shayii fi mi’essituun adda duree tassisuuf qajeeltoo saffisaa fi qulqullinaan tattaaffii waloo cimsuun itti fufsiiuu akka barbaachisu ibsaniiru.