Fooyyessi dinagdee Mandhalee dameen Bunaa guddaa akka fooyya’u taasiseera-Doktar Kaasahuun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Fooyyessi dinagdee Mandhalee dameen Bunaa guddaa akka fooyya’u taasiseera-Doktar Kaasahuun Goofee
Sadaasa 16/2018 (TOI)-Sagantaan beekamtii raawwii karooraa bara bajataa 2017 Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa gaggeeffameera.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, oomishtoonii fi alergitoonni Bunaa, sagantaicharratti kan argaman yoo ta’u,alergitoonni daldala alergii Bunaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennameera.
Ministirri daldalaa fi walitti hihamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana dubbii dubbataniin mootummaan fooyya’iinsa dinagdee mandhalee gochuunsaa damee Bunaa guddaa dadammaqseera jedhaniiru.
Milkaa’inni guddaan waggoota afurii asitti daldala alergii Bunaan galmaa’aa jiru kanneen Buna omishaniif abdii ta’aa jira jedhaniiru.
Milkaa’inni daldala alergii bara bajataa 2017 argame tarkaanfii mootummaan oomishuurraa amma gabaatti fudhateen dhamaatii qonnaan bulaa fi qooda fudhattoota damichaan ta’uu dubbataniiru.
Xiyyeeffannoon jiddugaleessichaa fuulduraa mekaanaayizeeshinii Bunaa bal’isuu fi bunarratti sona dabaluun erguu akka ta’e ibsaniiru.
Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii gabaa bal’isaa jira kan jedhan ministirichi, piroomooshinii walitti fufaa fi gabaa bal’isuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Daarektarri abbaa taayitaa bunaa fi Shaayee Dr. Addunyaa Dabalaa, Itiyoophiyaan sanyiiwwan Bunaa dhamdhama addaa akka qabdu dubbataniiru.
Jijjiiramaan asitti Bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti barbaadamnisaa dabaluu eeranii, bara bajataa 2017 buna toonii kuma 470 erguun galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argachuun milkaa’inni guddaan galmaa’eera jedhan.
Damee Kanaan jijjiirama bu’uraa fiduun rakkoo bittaa fi gurgurtaa bunaarra jiru furuun milkaa’ina argame ta’uu eeraniiru.
Bunni utubaa dinagdee biyyaa ta’uusaa mirkaneessaa jira kan jedhan daarektarri olaanaa kun, oomishaalee Bunaa fi Shaayee qulqulluu gabaa alaaf dhiheessuun cimee itti fufa jedhan.