Tamsaasa Kallatti:

Sanyii filatamoon omishaa fi omishtummaan isaanii mirkanaa’e hedduumminaan baay’ifamaa jiru

Sadaasa16/2018(TOI )- Wabii nyaataa mirkaneessuuf Sanyiiwwan filatamoon omishaa fi omishtummaan isaanii mirkanaa’e hedduumminaan baay’ifamaa jiraachuu Korporeeshinii Hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaatti Waajjirri Damee Ardaa’itaa ibse.

Korporeshinichi gama qonnaan akka biyyaatti galma qabame fulla’aa gochuun guddina hunda galeessa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun qooda irraa eegamu qabatamaan bahaa jiraachuu hubachiiseera.


 

Korporeeshiniin Hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Waajjira Damee Ardaa’itaa Addisuu Gaarradoo sanyii filatamaa baay’isuu fi qulqullinaan omishuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun tarkaanfii murteesaa ta’uu dubbataniiru.

Korporeeshinichi bara omishaa qabametti sanyii filatamaa kuntaala kuma 460 baay’isuuf karoorsuu eeruun, yeroo ammaa lafa hektaara kuma 20 irratti sanyii midhaan filatamaa gahan walitti qabaa jiraachuu beeksiseera.

Waajjiri dameeArdaa’itaa sanyiiwwan qamadii, ija goommanaa fi Garbuu baay’isuun guutuu biyyattiitti dhaqqabsiisaa jiraachuu ibseera.


 

Waajjirri damee sanyiiwwan hundeessuun dura, hundeessuu fi kan hundeefamee jedhaman lafa hektaara kuma 3 fi 100rratti baay’isaa jiraachuu ibsameera.

Kanaanis callaa kuntaala kuma 90 ol argachuuf karoorsuu obbo Addisuu Gaarradoo dubbataniiru.

Sadarkaa biyyoolessaatti Wabii nyaataa mirkaneessuuf karoora qabame galmaan ga’uuf korporeeshinichi qooda irraa eegamu gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sanyii filatamaan Waajjira dameetti baay’ifamaa jiru haala qilleensaa fi gosa biyyee bakkeewwan guutuu biyyattiitttiin kan wal simatu waan ta’eef qisaasama omishaa hir’isuun qulqullinni midhaanii akka mirkaneessu dubbataniiru.

Sanyiiwwan Filatamoo Korporeeshinichi Raabsu callaa guddaa argamsiisuun hangaa fi qulqullina omisha qonnaan bulaa kan guddisan ta’uu ibsaniiru.

Sanyii filatamaan omishtummaa Qonnaa guddisuuf bu’uura guddaa ta’uu eeraniiru.


 

Waajjira Damee Ardaa’itaatti ogeessi mekaanaayizeeshinii olaanaan Obbo Saraawwit Jimaa gamasaaniin, adeemsi omisha walitti qabuu kombaayineerota 13n deeggaramuun raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Kunis qisaasama omishaa hanbisuun qulqullina eeguuf qooda olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru.

Korphoreeshinichi galteewwan qonnaa fi meeshaalee qonnaa ammayaa dhiheessuun akkasuamas tajaajila Mekaanayizeeshinii qindaa’aa kennuun wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda isarraa eegamu bahachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015