Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru
Sadaasa 16/2018(TOI)-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti lammiileen kuma torbaa fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi fudhatanii xumuranii waraqaa ragaa argachuu isaanii Ejansiin Innoveeshinii fi Teekinooloojii naannichaa ibseera.
Hogganaa Ejansichaa obbo Jamaal Ibraahiim TOItti akka himanitti, naannichatti laanjii Itiyoo Koodarsi kan fudhatan hanga ammaatti lammiilee kuma 16 ta’uu eeraniiru.
Lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniirus jedhan.
Bara bajataa kanatti dargaggoota naannichaa kuma 15 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuukan ibsan obbo Jamaal, ji’oota afran darban keessatti dargaggoonni kuma 6 fi 500 ol leenjii kanaan fayyadamoo ta’uu himaniiru.
Sagantaa kanaan pirogiraamiingii, saayinsii daataa, Andirooyidii, hubannoo namtolchee(AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti leenjiin akka kennamus ibsaniiru.
Leenjichi dargaggoota ogummaa gonfachiisuun dabalatatti, dorgomtootaa fi kalaqa irratti akka hirmaataniif carraa hojii haaraa akka uumaan taasisa jedhan.
Sagantaan leenjii Itiyoo Koodarsi miliyoona shan naannichatti akka karoorfametti hojiirra oolaa jiraachuus akeekaniiru.
Dargaggoonni leenjii naannichatti hin fudhannes gara fuulduraatti galmaa'anii leenji'uun carraa argame irraa fayyadamoo akka ta'an itti gaafatamaan naannichaa waamicha dhiyeessaniiru.
Leenjiin koodaroota miliyoona shan kun dargaggoonni sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasisaa akka jirus ni beekama.