Tamsaasa Kallatti:

Godina Arsiitti Gurmaa'ina Gandaa cimsuuf Gandoota 500 olitti waajjiraaleen gandaa ijaaramaniiru

Sadaasa 16/2018(TOI)- Godina Arsiitti Gurmaa'ina Gandaa cimsuuf Gandoota 500 olitti  waajjiraaleen gandaa ijaaramannii tajaajila kennaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa himan.

 Bulchaa godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinichatti Caasaa gandootaa haaraa godinicha keessatti hundeeffame cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru.

Caasaaleen gandootaa hawaasaaf tajaajila gahumsa qabu akka kennan humna namaa gahaa fi waajjiraalee fooyya’oo ta’an dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Haaluma kanaan erga caasaan kun hundeeffamee jalqabee Gandoota 580 godinicha  keessatti gurmaa’an keessaa 564f waajjiraaleen ijaaramaniiru.

Hawaasni naannoo waajjiraalee Gandootaa jiraatanis bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaa, daandii fi bu’uuraalee misoomaa biro argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoggantoonni caasaa Gandootaatti ramadaman akka hawaasatti dhiyaatanii  tajaajila kennuu danda’aniif humna namaa guutuu qofa osoo hin taanee, manneen jireenyaa isaaniif ijaaramaa akka jirus eeraniiru.

Caasaan bulchiinsaa haaraa gandootaa erga hundeeffamee booda gaaffiin hawaasni haqaaf, bulchiinsa gaarii, fi bu’uuraalee misoomaa irratti qabu xiyyeeffannoon kennamee, gama nagaa fi tasgabbii buusuufis bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan hawaasni naannichaas xiyyeeffannoon isaa gara misoomaatti deebi’uu ibsaniiru.

Godina Arsii aanaa Heexosaatti jiraataa Ganda Shaaqii Shararaa qonnaan bulaa obbo   Fayisaa Buttaa caasaan Gandaa kuni jiraachuun isaa tajajila si’ataa akka argatan isaan taasisuu himaniiru.

Hoggantoonni caasaa Gandaatti ramadamanis ummatatti bakka jiraatutti gadi bu’uun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.

Kanaan dura tajaajila argachuuf gara aanaatti deemuun ifaajjii fi baasii hedduuf saaxilamaa turuu eeruun yeroo ammaa kanatti garuu tajaajila barbaadan iddoo tokkotti argachuun akka isaan gammachiise himaniiru.

Godinichatti jiraataa Ganda Itayyaa kan ta’an qonnaan bulaa obbo Taakkalaa Dhaabii gama isaaniin, caasaan Gandaa amma jiru kuni kanaan dura baasii hin malleef kanneen akka geejibaaf baasnu turre nurraa hambisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu taasiseera jedhani.

Erga caasaan Gandaa hundaa’ee tajaajila argachuuf gara aanaatti kan dhamaanu turre, amma balbaluma keenyatti argachuu dandeenyeerra jedhu qonnaan bultoonni kunniin.

 Keessumaa xaa’oon fi sanyiiwwan filatamoon gara Ganda isaaniitti waan dhufeef guddina qonnaa isaaniif gargaarsa guddaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015