Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan har’a eegala
Sadaasa 16/2018(TOI )-Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan oolmaasaa guyyaa jalqabaan taphoonni sadii ni gaggeeffamu.
Guyyaa sa’aatii 9:00 Magaalaan Adaamaa Magaala Baahir daar waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Hawaasaatti taphatu.
Magaalaan Adaamaa liigichatti taphoota ja’a gaggeesseen yeroo lama yoo Injifatu yeroo tokko mo’ameera.
Taphoota hafan sadiin qixa adda bahaniiru.
Taphichaan galchii sadii yoo lakkoofsisu galchii lama keessummeesseera.
Garichi qabxii sagaliin sadarkaa 9ffaa qabateera.
Morkataansaa Magaalaan Baahir Daar bara dorgomichaatti tophoota ja’a gaggeesse yeroo lama injifatee yeroo tokko mo’amee yeroo sadii qixa baheera.
Galchii sagal yoo lakkoofsisu galchii torba keessummeesseera.
Magaalaan Baahir Daar qabxii sagaliin morkataasaa qabxii galchiin caalee sadarkaa 8ffaa qabateera.
Sagantaa biroon Walaayittaa Diichaan Walwaloo Addugiraat Yunvarsiitii waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istadiyeemii Finfinneetti ni taphatu.
Liigichaan walaayittaa diichaan hanga ammaatti tapha tokkoyyuu hin injifanne.
Yeroo afur yoo injifatamu tahoota hafan lamaan qixa baheera.
Taphichaan galchii 4 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera.
Garichi qabxii lamaan sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama.
Morkataansaa Walwaloo Adda Giraat Yunvarsiitiin Liigichaan taphoota jaha gaggeesseen yeroo shan mo’amee yeroo tokko qixaan baheera.
Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera.
Walwaloon qabxii tokkoon sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera.
Gareewwan lamaan liigichaan injifannoosaanii jalqabaa galmeessisuuf ni taphatu.
Galgala sa’aatii 12:00tti Madin Itiyoophiyaan Negellee Arsii waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasatti ni taphatu.
Injifataan liigicha yeroo yeroo ammaa madin itiyoophiyaan taphoota shan ligichaan gaggeesseen yeroo lama yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera.
Taphoota hafan lamaan qixa adda baheera.
Galchii shan lakkoofsisee galchii Afur keessummeesseera.
Madin tapha wal qixxeessituu tokko jijjiiree qabxii saddeetiin sadarkaa10ffaa qabateera.
Morkataansaa Nagallee Arsii bara dorgommichaatti taphoota jaha gaggeessee keessaa yeroo tokko qofa injifateera.
Yeroo lama mo’amee qabxii sadii qooddateera.
Taphichaan galchii Afur yoo lakkoofsisu galchii shan keessummeesseera.
Gareen guddattuu haaraan qabxii ja’aan sadarkaa 13ffaa qabateera.
Sagantaa torban 7ffaan hanga sadaasa 18 bara 2018 ni tura.
Liigichatti Bunni sidaamaa qabxii 13 dursaa jira.
Maqalee Sabandartaan, Magaalaa Arbaa Minci, Walaayittaa Diichaa fi WAlwaloo Addigiraat Yunvarsiisttiin sadarkaa 17ffaa hanga 20ffaa qabachuun sadarkaa gadbu’aarra jiru.