Tamsaasa Kallatti:

Oolmaa guyyaa lammaffaa torbee 8ffaa Piriimiyerliigii dubartootaa

Sadaasa 16/2018(TOI)- Piriimeerliigii dubartootaa Itiyoophiyaa torbee saddeettaffaan har’a taphoonni sadii istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni gaggeeffama.

Ganama keessaa sa’aatii afur irraa eegalee Arbaa Mincii fi Dirree Dawaan taphachaa jiru.

Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigii 7 taphateen taphoota lama injifachuun afur mo'amuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, tapha tokkoon walqixa baheera.

Taphoota taphateen galchii shan lakkoofsisuun,12 immoo keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 9ffaa qabateera.

Morkataan isaa Magaalli Dirree Dawaa tapha liigichaa taphateen lama mo’achuun, yeroo shan yoo mo’atamu, galchiiwwan jaha galchuun, 12 immoo keessummeesseera.  Kilabni Magaalaa Dirree Dhawaa qabxii jahaan sadarkaa 11ffaa qabateera.

Tapha biraatiin kilabni Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Lidataa waliin har’a waaree booda sa’aatii 7:00tti ni taphatu.

Magaalaan Adaamaa tapha waggaa kanaan taphoota hanga ammaatti taphateen taphoota torba yeroo injifatu, taphoota afur immoo injifatameera.

Tapha tokko immoo walqixa bahuun, taphoota taphateen galchii afur yeroo lakkoofsisu,14 immoo keessummeesseera. Garichi qabxii torbaan sadarkaa 10ffaa qabateera.

Kutaan magaalaa Lidataa taphoota irratti hirmaate keessaa tapha tokko qofa mo’eera. Yeroo afur mo’amuun yeroo lama immoo walqixa baheera. Garichi qabxii shaniin sadarkaa 12ffaa irra jira.

Tapha har’aa xumuraan Magaalaan Finfinnee fi Bunni Yirgaa caffee sa’aatii 9:00tti ni taphatu.

Magaalaan Finfinnee taphoota liigii 7 taphate keessaa yeroo tokko injifachuun 6 mo'ameera. Galchii sadii galchuun,15 immoo itti lakkaa’ameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera.

Gareen haaraan guddachhaa jiru, Bunni Yirgaacaffee hanga ammaatti liigichaan tapha tokko qofa injifateera. Yeroo lama mo’amuun,taphoota afur qixa bahaniiru.

Taphoota kanneen keessattis galchii lama qofa kan galche yoo ta’u, galchiin jaha itti lakkaa’ameera. Bunni Yirgaacaffee qabxii torbaan sadarkaa saddeettaffaa qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015