Tamsaasa Kallatti:

Fayyummaa Tiruuf

Tiruun qaama murteessaa fi hojii baay’ee hojjechuu danda’u yoo ta’u, hojiiwwan 500 ol kan hojjetu ta’uu ispeeshaalistii dhibee keessoo fi sab Ispeeshaalistiin garaachaa, mar’immaanii fi tiruu Dr. Abdii Baatii himaniiru.

Dr. Abdii Baatii TOI waliin turtii taasisaniin, hojiin Tiruu  bakka gurguddoo afuriitti akka qoodamu ibsaniiru.

 Hojiin isaa inni jalqabaa dhiiga wantoota miidhaa geessisan irraa qulqulleessuu, balfa balleessuu, qorichoota qaamaaf akka tolanitti mijeessuu(meetaabolizimii) gochuu fi wantoota soorannu, dhugnu fi hafuura baafannu hunda keessaa summii balleessuudha.

Hojiin isaa inni lammaffaan vitaaminii, albuudaa fi anniisaa kuusuu akka ta’e ibsuun; qaamni keenya yeroo anniisaa barbaadu akka itti fayyadamu qopheessuudha.

Hojiin isaa inni sadaffaan dhiigni akka hin ititne ittisuun, pirootinii infekshinii ittisuuf gargaaru oomishuu akka ta’e ibsaniiru Dr. Abdiin.

Hojiin isaa inni afraffaan albuuda 'Bile' jedhamu kan cooma nyaata nyaannu keessa jiru daakuuf gargaaru oomishuudha.

Dhibee Tiruuf Maaltu nama saaxila?

 Addunyaa irratti namoonni gara biliyoona 2 ta’an dhukkuboota Tiruu kanneen akka hepatitis B fi C’f saaxilamuu isaanii ibsaniiru.

Alkoolii garmalee dhuguun, furdinni qaamaa fi dhukkubni sukkaaraa akka addunyaatti namoota hedduu saaxilamoo taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.

Akkasumas Afrikaa keessatti namoonni tilmaamaan miliyoona 80 ta’an dhukkuba tiruu B’f akka saaxilaman eeraniiru.

Kana keessaa dhibbeentaan 60 sababa talaallii dhabaniif, tajaajila fayyaa dhaqqabamummaa argachuu dhabuu fi midhaan tortoranii faalaman ’aflatoxin’ jedhamuun beekamu (kan akka boqqolloo fi Bishingaa) fayyadamuun balaadhaaf nama saaxiluu danda’uu ibsaniiru.

 Biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti carraan dhibee hepataayitas Bf  saaxilamummaan jiru olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Alkoolii baay'isuun, jimaa qaamuun, dhukkubni sukkaaraa dabaluun namoota hedduu, keessumaa dhiirota umuriin isaanii waggaa 40 ol ta'eef carraa dhibee kanaan qabamuu akka dabalu himaniiru.

Talaallii fudhachuun, jireenya fayya qabeessa hordofuun, nyaata fayya qabeessa soorachuu fi yaala yeroon argachuun saaxilamummaa hir’isuun akka danda’amu gorsaniiru Dr. Abdii Baatiin.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015