Tamsaasa Kallatti:

Somaaliyaan Ruwaandaa Injifachuun  Sadarkaashee gara 2ffaatti  ol guddiste 

Sadaasa15/2018(TOI )- Ramaddiin tapha gulaallii  waancaa  Afriikaa seekaaffaa 16ffaa waggaa 17 gadii   marsaa 1ffaan Somaaliyaan Ruwaandaa  3 fi  0  injifatte. 
Tapha Istaadiyeemii Yaadannoo  Ababaa Biqilaatti   gaggeeffameen  Mahaamud Usmaan galchii lama yoo lakkoofsisu, Abdiiqafar Abdullaahi  galchii  hafe  lakkoofsiseera. 
Bu’icha hordofee  somaaliyaan qabxii  jahaan  sadarkaashee  3ffaarraa  gara  gara 2ffaatti  guddifatteetti. 
Yeroo  sadaffaa  kan mo’amte Ruwaandaan    sadarkaa dhumaa 5ffaa qabatteetti. 
Ramaddii Kanaan   guyyaa sa’aatii  10:00tti  Keeniyaan Sudaan Kibbaa Waliin  Istaadiyeemii Yaadannoo  Abbabaa biqilaatti  taphasaanii gaggeessu. 
Ramaddichaan dursaa kan jirtu biyyi qopheessite  Itiyoophiyaan sagantaa 4ffaan boqonnaarra  jirti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015