Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan Ijaarsa dhaabbilee cimaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan Ijaarsa dhaabbilee cimaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti
Sadaasa15/2018(TOI )-Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan ijaarsa dhaabbata cimaaf xiyyeeffannoo kennitee Hojjechaa Jiraachuu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Ibsan.
Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yuunaayitid Kingidam Daren welchi waliin marii’ataniiru.
Obbo Adam wayita sana akka jedhanitti, Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Dameelee Hawaasummaan, Dinagdeen fi Siyaasaan Hariiroo Cimaa bara dheeraa qabu.
Yuunaayitid Kingidam deeggartuu cimtuu misooma Itiyoophiyaa ta’uushee eeruun, Ajandaan misoomaa fi riifoormii akka milkaa’uuf Yuunaayitid Kingidam deeggarsa kennituuf galateeffataniiru.
Biyyoonni kun hariiroo guddaa dameelee adda addaan qaban caalaatti akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa qooda irraa eegamu akka cimsu mirkaneessaniiru.
Damee Barnootaa fi Fayyaan, Obbolummaan qaban bu’aa qabeessa ta’uu eeruun, tumsi milkaa’aan kun dameelee biroon babal’isuuf kutannoo qabna jedhaniiru.
Gaggeessummaa paartii badhaadhinaan dameelee Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaan milkaa’inoonni galmaa’uu eeruun, milkaa’inoota kana itti fufsiisuuf hirmaannaan taassifamu cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa hojii ijaarsa dhaabbileetiif xiyyeeffannoo kennuusaa eeruun Boordiiin Filannoo Biyyoolessa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Naoomaadabalatee dhaabbanni bilasaa fi walabaa akka dhugoomuuf tattaaffii taassisaa jira jedhaniiru.
Dirree siyaasa bal’isuurratti partichi tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhachuusaa ibsuun, misensonni paartii morkattootaa kaabinee motummaa keessatti akka hammataman taassifamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Filannoon Fuulduraa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa haala ta’een akka qaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifamuu eeruun, filannichi hirmaannaan ummataa kan itti mirkanaa’e amanamaa akka ta’u paartiin badhaadhinaa kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yunayited Kingidamii fi ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Daaren Weelchi Gamasaaniin , Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Hariiroo seenaa qabeessaa fi fakkeenya ta’u kan qaban ta’uu kaasaniru.
Riifoormiin Diinagdee Itiyoophiyaa daandii sirriirra ta’uu eeruun, kunis sadarkaa fooyya’een akka itti fufu nan amana jedhaniiru.
Yunaayitid Kingiaem hojii ijaarsa dhaabbilee deeggaruuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.