Qulqullina Tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Qulqullina Tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu qabu
Sadaasa15/2018(TOI )-Qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu akka qaban Barsiisonni damee fayyaa hubachiisan.
Waltajjiin marii Kenninsa Barnoota Fayyaa Ammayyeessuun ogeeyyii gahomani horachuurratti xiyyeeffate magaala Ambootti gaggeeffameera.
Waltajjii marii kanarratti kan hirmaatan Kolleejjii Fayyaa Yunvarsiisttii Ambootti Gargaaraan Piroofeesaraa Muluu Kitaabaa, tajaajila fayyaa Qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taassisuuf damichaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hojiirra oolmaasaatiif qooda fudhattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waliin qindoomuun humna namaa horachuuf hojii qorannoo fi qo’annoo qabatamaan deeggarame hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kenninsa Barnoota fayyaa ammayyeessuun hojii fayyaa dhukkuba ittisuu fi yaalanii fayyisuu Mootummaan hojiirra oolche milkeessuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin marii Qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame qaama kanaa ta’uu eeruun Yunvarsiitiin Amboo gama Kanaan kenninsa Barnoota fayyaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun yericha wajjin wal-simsiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Kessumaa Yunvarsiitiin Amboo, Yunvarsiitii Jimmaa fi yuunvarsiitii Noorweey V.I.D. waliin hojjechuun barattoota damee fayyaa Digirii 2ffaa fi 3ffaa baratan hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan rakkoo hawaasaa qabatamaan akka furaniif hojiin gorsaa waloon raawwatama jedhaniiru.
Yunvarsiitii Kolleejjii fayyaa Jimmaatti Gargaaraan pirofeesaraa Abbabaa Abarraa gamasaaniin, Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa taassisuuf tumsi hayyootaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin marii qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame kenninsa barnoota fayyaa qabatamaan deeggaruunii fi hojii qorannoo fi qo’annoo sagantaa guutuun olitti rakkoo hawaasaa kan furan yaada galtee imaammataa akka ta’aniif kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Barsiisaa fi qorataa Yunvarsiitii Noorweey Dr.Tasfaayee Lataa kenninsa barnoota fayyaa teekinooloojii Ammayyaa yericha gituun deeggaruun kennamuun ogeeyyii cimoo fi gahumsa qaban horachuuf akka deeggaru ibsaniiru.
Kanaanis tumsi Yuunvarsiitonni eegalan damicha fooyyessuun gumaacha gaarii qabaata jedhaniiru.