Ministirri Muummee Singaapoor Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Singaapoor Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan
Sadaasa 15/2018(TOI)- Ministirri Muummee Singaapoor Lowuraansi Woongi injifannoo Saboota Gurraacha hundaa kan ta’e Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ministira muummee Singaapoor Lowuransi Woongi kabajaan simannee, injifannoo Saboota Gurraacha hundaa kan ta’e Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachiifneerra jedhani.
Muummichi Ministiraas wayita Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatanitti, gootota qabsoo saboota gurraachaaf wareegamaniif siidaawwan goototaa jala abaaboo kaa’uu isaanii ibsaniiru kantiibaa Adaanech.
Dachee argama dhala namaa Itiyoophiyaa fi magaalaa miidhagduu Finfinnee keessa turtii gaarii akka qabaatanis hawwaniiru.
Daawwannaa hojii gochuuf Itiyoophiyaa kan dhufan Ministirri Muummee Lowuransi Woong kaleessa galgala magaalaa Finfinnee galaniiru.