Chaayinaan tumsa tarsiimoo Itiyoophiyaa waliin qabdu kan taateewwaniin hin jijjiiramne gama hundaan daran cimsuun ni hojjetti - Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii - ENA Afaan Oromoo
Chaayinaan tumsa tarsiimoo Itiyoophiyaa waliin qabdu kan taateewwaniin hin jijjiiramne gama hundaan daran cimsuun ni hojjetti - Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii
Sadaa 15/2018(TOI)-Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin tumsa tarsiimoo taateewwaniin hin jijjiiramne (all-weather strategic partnership) gama hundaan qabdu daran cimsuun kutannoon akka hojjettu miseensa biiroo siyaasaa Koree Giddugaleessaa Paartii Koominiistii Chaayinaa fi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii ibsaniiru.
Waggaan 55ffaa Itiyoophiyaa fi Chaaynaa hariiroo dippiloomaasii isaanii itti jalqaban ni kabajama.
Ministirri Dhimma Alaa Chaaynaa Waang Yii waggaa 55ffaa hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii hundeeffame irratti Ministira Dhimma Alaa doktar Geediyoon Ximootiwoosiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Waangi Yiin ergaa dabarsaniin, hariiroon obbolummaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoota hedduu kan lakkoofsise ta’uu eeruun, hariiroon biyyoota lameenii cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru.
Waggoottan 55n darban kanattis biyyoonni lameen wal amantaanii fi wal deeggaruun kan itti mul’ate ta’uu eeraniiru.
Akkasumas michummaan kun agarsiisa walta’iinsaa fi tumsa biyyoota guddachaa jiran gidduu jiru ta’uu ibsaniiru.
Qajeelfama tarsiimoo hoggantoota biyyoota lamaaniitiin waggoota darban keessa tumsi biyyoota lamaanii daran cimee akka tures hubachiisaniiru.
Walitti dhufeenyi biyyoota lameenii mul’ata wal amantaa siyaasaa yeroo hunda gadi fagoo ta’ee fi tumsa qabatamaa bu’aa qabeessa ta’e ummatoota biyyoota lameeniif bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaa ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Chaaynaa waggaa 55ffaa hariiroo dippilomaasii akka carraa gaariitti fayyadamuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf akka ta’e ibseera.
Bu’aa Walgahii Waltajjii Tumsa Chaayinaa fi Afriikaa (FOCAC) fi dhimmoota hoggantoonni biyyootaa irra ga’an hojiirra oolchuuf, akkasumas tumsa tarsiimoo obbulummaa yeroo irratti hundaa’ee hin daangofne (all-weather strategic partnership) kan biyyoota lameen gidduu jiru daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.
Akkasumas, mul’ata waliinii taateewwan irratti hundaa’ee hin jijjiiramne giddugaleessa godhate, boqonnaa haaraa tumsa hawaasa Chaayinaa fi Afrikaa gidduutti uumuuf karoora akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo dippilomaasii isaanii kan jalqaban akka lakkoofsa warra Faranjootaatti bara 1970 akka ta’e ragaaleen ni agarsiisu.