Tamsaasa Kallatti:

Aarrii fi dhukkeen dhohinsa volkaanoo Eertaalleen uumame rakkoo fayyaa fiduu waan danda'uuf of eeggannoon cimuu qaba - Biiroo Fayyaa

Sadaasa 15/2018(TOI)-Aarriifi dhukkeen dhohinsa volkaanoo Eertaalleen uumame fayyaa hawaasaatti rakkoo fiduu waan danda’uuf of eeggannoon barbaachisaa akka taasifamu biiroon fayyaa naannoo Affaar hubachiise.

Dhowinsi volkaanoo Eertaalleetti guyyaa kaleessaa mudate cimaa ta’uu isaa Yunivarsiitiin Samaraa beeksiseera.

Dhowinsi volkaanoo Eertaallee godina Qiilbee aanaa Afdeeraatti mudate dhowinsi isaa fageenya kiloomeetira 8 irratti wanti akka dhukkee fi daaraa fakkatu tamsa’uu danda’eera jedhame.

 Kanaafuu dhowinsi volkanoo naannoo sanatti mudate fayyaa hawaasaa irratti miidhaa fiduu waan danda’uuf hawaasni of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qabau biiroon fayyaa naannichaa beeksiseera.

Hogganaa biiroo fayyaa naannoo Affaar Yaasiin Habiib turtii TOI waliin taasisaniin, dhowinsa volkaanootiin dhukkee fi aarri samii keessatti uumame fayyaa hawaasaa keessattuu qaamolee hargansuu irratti miidhaa fiduu waan danda’uufuu hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu qaba jedhani.

Hanga awwaarrii fi dhukkeen daaraa kuni badutti hawaasni yeroof haguuggii funyaanii (maaskii) kaawwachuu akka qabu dhaamaniiru.

Keessumaa immoo namoonni dhibee asmii ykn biroonkaayitii qaban of eeggannoo guddaa taasisuu qabu jedhaniiru.

Dhibee sababa dhowinsa volkaanoon dhufu to’achhuuf, biiroon fayyaa naannoo Affaar garee ogeessota yaala hatattamaa kennan gara dhowinsi volkaanoo mudateetti erguus himeera.

Yunivarsiitii Samaraatti qorataa waa’ee lafaa (ji'ooloojii) kan ta’an, Nooraa Yaanimi’oo akka jedhanitti, taateen kun kan barame ta'us, dhohinsi volkaanoo amma mul'achaa jiru hunda caalaa cimaa dha jedhan.

Dhowinsi volkaanoo uumame sunis olaanaa waan tureef kirkirri isaa hanga kiloomeetira 50 dhagahameera jedhaniiru.

Kanaafuu naannoo Eertaalleetti aarrii fi dhukkeen uumameera jedhan.

Sochiin volkaanoon amma irra jiru, haala duraan ture irraa ce'umsa keessa jiraachuu akka danda'u qorannoo dabalataa akka barbaadu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015