Gulaallii Zoonii Seekaafaatti har’a taphoonni Afur gaggeeffamu - ENA Afaan Oromoo
Gulaallii Zoonii Seekaafaatti har’a taphoonni Afur gaggeeffamu
Sadaasa 15/2018(TOI )-Keessummeessummaa Itiyoophiyaatiin gulaalliin tapha waancaa seekaaffaa 16ffaa waggaa 17 gadii har’a guyyaa 10ffaa qabateera.
Ramaddii tokkoffaan Ruwaandaan Somaaliyaa waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu.
Ramaddichaan taphoota lama gaggeeffameen kan mo’amte Ruwaandaan qabxii malee sadarkaa isa dhumaa 5ffaa qabatteetti.
Taphoota sadiin qixaa kan bahe gareen Somaaliyaa gamasaan qabxii sadiin sadarkaa 3ffaa qabateera.
Ramaddii Kanaan guyyaa sa’aatii 10:00 Keeniyaan Sudaan Kibbaa waliin Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu.
Taphaoota lamaan qabxii Afur kan argate keeniyaan qabxii Afuriin sadarkaa 2ffaa, Sudaan kibbaa qabxii tokkoon sadarkaa 4ffaa qabateera.
Ramaddicha Itiyoophiyaan qabxii toorbaan dursaa kan jirtu tapha ramaddii 4ffaan boqonnaa ni fudhatti.
Haaluma wal fakkaatuun ramaddii lamaanTaanzaaniyaan Buruundii waliin guyyaa sa’aatii 10:00 istaadiyeemii internaashinaalii Dirree Dawaatti taphatu.
Taanzaaniyaan ramaddichaan qabxii sagaliin dursaa jirti.
Taphoota lamaan qabxii sadii kan argatte Buruundiin sadarkaa 3ffaa qabatteetti.
Taanzaaniyaan garichaan gara walakkaa xumuraatti darbuuf carraa fooya’aa qabdi.
Galgala sa’aatii 1:00tti Jibuutiin Sudaan waliin Istaadiyeemii Internaashinaalii Dirree Dawaatti ni taphatu.
Haaluma wal-fakkaatuun Ramaddiisaaniin taphota lamaan kan mo’aman Jibuutii fi Sudaan idaa galchii qabaniin wal caalanii sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa qabataniiru.
Qabxii jaha qabattee sadarkaa 2ffaarraatti kan argamtu Yugaandan marsaa Kanaan biyya boqottudha.