Tamsaasa Kallatti:

Maanchistar Yunaayitid har'a Evertan waliin ni taphata

Sadaasa 15/2018(TOI)-Tapha xumuraa Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 12ffaa Maanchistar Yunaayitid Evertan waliin akka taphatu ifoomeera.

Taphni kilaboota lamaan gidduutti taasifamu halkan sa'aatii 5:00 irratti kan gaggeeffamu ta'a.

Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii 11 taphate keessaa 5 injifachuun sadii moo'amuun, taphoota sadan hafan qixa ba'eera.

Taphoota sanaan galchii 19 galchuun 18 keessummeesseera.

Yunaayitid qabxii 18n sadarkaa 10ffaa irra jira.

Morkataan isaa Evartan gama isaatiin taphoota 11 taphate keessaa 4 injifachuun 4 mo'ameera.

Taphoota sadan hafan wal qixa ta'aniiru.

Taphoota kanaan galchii 12 lakkoofsisuun, galchii 13 itti lakkaahameera.

Kilabiin Marsiisaayidii qabxii 15n sadarkaa 13ffaa irra jira.

Maanchistar Yunaayitid Ruuben Amoriimiin kan durfamu, taphoota liigii shanan darban irratti osoo hin mo'amiin jalqabbii liigichaa keessatti abdachiisaa ta’eera.

Kunis Amorim jalatti milkaa’uun yeroo jalqabaati.

Morkataan isaa Evartan bara darbe ijjennoo gaarii irra hin turre; barana garuu tattaaffii gaarii irra gahuu kan danda’e Deevid Mooyisiin gara kilabichaatti waan deeffataaefi.

Kilaboonni lamaan kun Piriimiyerliigii Ingiliiz irratti waliin taphachuun isaanii inni kuni yeroo 61ffaafi dha.

Taphoota 60 kanaan dura taphataniin, Maanchistar Yunaayitid yeroo 37 yoo injifatu, Evertan ammoo yeroo 10 injifateera. Taphoota 13 hafan wal qixaan xumuraniiru.

Taphoota kanaan Maanchistar Yunaayitid galchii 111 kan galche yoo ta'u, Evertan ammoo galchii 56 lakkoofsiseera.

Taphni har'aa gareewwan lamaan gidduutti taasifamu morkii cimaa ta’a jedhamee eegamaa jira. Toonii Hariingitan taphicha abbaa murtii olaanaa ta’anii akka taphachiisan beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015