Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan
Sadaasa 13/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin mari’ataniiru.
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Faransaayi tumsa taasifamaa jiraniin cimuusaa ibsaniiru.
Haala Kanaan sadarkaa tumsi biyyoota lamaanii irra jiru irratti pirezidaantii Faransaayi waliin mari’achuusaanii beeksisaniiru.