Tamsaasa Kallatti:

Cheelsiin Barnleeyi mo’atee sadarkaasaa gara lammaffaatti guddise

Sadaasa 13/2018 (TOI)- piriimar Liigii Ingiliz turban 12ffaa tapha jalqabaatiin Cheelsiin Barnleeyiin 2 fi 0’n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Beter Muunitti gaggeeffameen Peedroo Neetoo fi Enzoo Farnaandeez galchii Cheelsiin ittiin mo’ate galchaniiru.

Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 23’n sadarkaasaa sadaffaarraa lammaffaatti guddifateera.

Gama biraatiin bara dorgommii kana yeroo saddettaffaaf kan mo’ame Barnleeyi qabxii 10niin sadarkaa 17ffaa qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015