Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mootii Abudaabii Sheek Kaaleed  Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’atan

Sadaasa  13/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii garee 20 cinaatti mootii Abudaabii Sheek Kaaleed  Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee erga fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin yaa’ii garee 20 cinaatti mootii Abudaabii Sheek Kaaleed Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’achuuf carraa arganneerra jedhaniiru.

Mariin taasisanis tumsa tarsiimawaa cimsuun tarkaanfii waloo caalaaf carraalee jira ilaaluurratti kan xiyyeeffate akka ture ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015