Bulchiinsi magaalichaa waadaa gale kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi magaalichaa waadaa gale kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jira
Sadaasa 13/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinne waadaa galae kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeen, manneen waliin jireenyaa (kondomineemii ) kutaa magaalaa Laaftoo bakka Addabaabayii Jarmanitti ijaaraman, akkasumas manneen waliin jireenyaa kutaa magaala Kolfee Qaraaniyoo Giraarii fi Ayyar Xeenaatti ijaraman eebbisaniiru.
Manneen eebbifamanii dabarfaman, baatii sadii keessatti saffisaa fi qulqullinaan, gamoowwan 24, kan darbii 11 hanga 18 qaban naannawa jireenyaaf mijataa waliin ijaaramuu eeraniiru.
Har’a manneen jireenyaa ammayyaa kuma 1fi 287 jiraattotaaf dabarfamuu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalattii akka ibsetti lammiileen hedduun pirojektoota nama giddu galeessa godhateen abbaa manaa ta’aniiru; magaalattiin jiraattota isheef mijataa fi bareedduu taasisuun bakka jireenyaa filatamaa ta'e uumamuu ibsaniiru.
Fedhii misoomaa magaalichaa guutuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran hubachiisanii, dhiyeessii fi fedhii mana jireenyaa walsimsiisuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolaa akka jiran himaniiru.
Kanaanis jiraattota karaa misoomsitoota dhuunfaa, kiraan, waldaaleen, dhuunfaa fi mootummaa, fi filannoowwan birootiin jiraattota man hin qabne akka mana aragatan taasisaa jirra jedhan aadde Adaanach Abeebeen.
Jijjiirama biyyaalessaa booda manneen kuma 380 ol ijaaramuu eeruun fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf invastaroota dhuunfaa waliin hojiin dabalataa akka hojjetamu waamicha dhiyeessaniiru.
Kalaqaanii fi ariifachuun, gaaffilee bu’uuraa hawaasaa deebisuun akka danda’ame ibsuun, kanaanis fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun manneen sadarkaa isaanii eeggatanii fi fedhii misoomaa bu’uraa hunda guutan mirkaneessuuf tattaaffiintaasifamaa jira.
Itti gaafatamtuun Biiroo Misooma Manneenii fi Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Qiddist W/Giyoorgis akka jedhanitti, manneen har’a eebbifaman bu’uuraalee misoomaa hunda kan qaban yoo ta’u, jireenyaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Saayitii Addabaabayii Jarmanitti argamutti manneen lafaa jalatti 2 fi gamoo abbaa darbii 15 akka ijaaraman eeraniiru.
Saayitii kanattis misoomni paarkiiwwanii kan ijaaraman ta’uu, iddoo magariisaa, iddoo dhaabbii konkolaataa fi bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoo biroo guutamuufii ibsaniiru.