Tamsaasa Kallatti:

Adeemsa marii biyyoolessaaf hirmaannaa fi tumsi dubartootaa, Dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa dha- Komishinar Dr.Yoonaas Adaayyee

Sadaasa13/2018(TOI )-Adeemsa Marichaaf tumsii fi hirmaannaa cimaan Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa ta’uu komishinarri  komishinii marii biyyoolessa Itiyoophgiyaa  Dr. Yoodaas Adaayyee dubbatan.

Adeemsa marichaarratti qooda Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa ilaalchisee komishinii marii biyyoolessa Itiyoophiyaa Magaalaa Jimmaatti waltajjii marii gaggeessaa jira.

Waltajjii marii kanarratti bakka bu'oonni Godinaalee Wallaggaa afran, Iluu Abbbaabooraa, Buunnoo Beddellee, Shawaa Kibba Lixaa, Magaalaa Jimmaa fi godinoota Jimmaarraa kan walitti dhufan hirmaataniiru.

Komishinarri marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa doktar Yoonaas Adaayyee waltajjicharratti haasawa taasisaniin, adeemsa marii gaggeeffamaa jiru keessatti tumsii fi hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa haala hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’een barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Adeemsa kana keessatti kutaalee hawaasaa adda addaa  akka hirmaatan tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ajandaa hawaasaa walitti qabuun furmaata waaraa argachuuf adeemsi marii gaggeeffamaa akka jiru Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahmuud Diriir ibsaniiru.

Adeemsa kana keessatti hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa murteessaa waan ta’eef haalaan cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Hirmaattonni marii kanaa gama isaaniitiin Komishiniin Marii biyyaalessaa, nagaa waaraa buusuuf bakka bu’oota kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun hojii hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Carraa gaarii kanatti f gargaaramuun waa’ee biyyasaaniirratti mari’achuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Godina Buunnoo Baddalleerraa kan hirmaatan obbo Badhaasaa Saddetaa, magaalaa Aggarroorra kan dhufan adde Ruuqiyaa Kadir fi magaalaa Jimmaarraa kan hirmaatan obbo Salamoon Yixnaa, waltajjii marii kanarratii hirmaachuusaaniitti gammaduusaanii ibsanii, rakkoolee biyya keenyaa waloof furmaata waloo barbaaduuf qooda keenya nibaana jedhaniiru.

Komishinaroonni, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dubartoonni, dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni kan hirmaatan yoo ta’u mariin kun borus akka itti fufu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015