Bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa dha - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa - ENA Afaan Oromoo
Bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa dha - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa
Sadaasa 13/2018(TOI)-Bu’a qabeessummaa Marii Biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uu komishinarri olaanaa koishinii Marii biyyaalessa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsani.
Waltajjiin marii dubartoota, dargaggoota, fi qaama miidhamtoota naannoo Oromiyaa hirmaachise magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marii kanaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan komishinarri olaanoo komishinii marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaan bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Komishinichi marii biyyoolessaa dubartoota, dargaggootaa, fi qaama miidhamtoota dabalatee kutaaleen hawaasaa fi qooda fudhattoonni hundi itti hirmaatan gaggeessuu qophii isaa cimsuun itti fufuu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessattis dubartoonni ,dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni dammaqinaan hirmaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Lammiileen kaayyoo fi hojii komishinichaa irratti hubannoo gahaa fi ifa ta’e akka qabaataniif akkasumas bu’a qabeessummaa marii kanaa keessatti gahee isaanii akka ba’ataniif hojiiwwan adda addaa hojjetamuu ibsuun, hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu isaanii Komishinarri Olaanaan kuni ibsaniiru.
Akkasumas dhaabbileen, waldaaleen hawaasummaa, dhaabbileen siyaasaa, diyaaspoora, fi kutaalee hawaasaa adda addaa biroo irraa ajandaa walitti qabuu kaasaniiru.
Waltajjiin marii Adaamaas adeemsa marii kana keessatti hirmaannaa dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijeessee milkaa’ina marii biyyaalessaa mirkaneessuu fi ga’ee isaanii cimsanii akka bahatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Aagoo gama isaaniitiin, rakkoolee karaa nagaa furuuf mariin barbaachisaa ta’uu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, komishinichi hanga ammaatti ajandaalee barbaachisoo ta’an waliti qabuu dabalatee hojiiwwan hedduu raawwachuusaa ibsaniiru.
Waltajjichis dubartoonni, dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni marii biyyaalessaa itti aanee gaggeeffamuuf hubannoo fooyya’aa qabaachuu fi hirmaannaa isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.