Yaa’iin hoggantoota biyyoota garee 20 Afriikaa Kibbaatti gaggeefamuu eegaleera - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin hoggantoota biyyoota garee 20 Afriikaa Kibbaatti gaggeefamuu eegaleera
Sadaasa 13/2018(TOI )- Yaa’iin Hoggantoota biyyoota miseensota garee 20 har’a Afriikaa Kibbaa Magaalaa Johaanisbargitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’iin kun mataduree ”tumsa, walqixxummaa fi itti fufiinsa “ jedhuun yeroo jalqabaaf Afriikaatti gaggeeffaa jira.
Baninsa yaa’ichaarratti dura taa’aan biyyoota miseensota garee 20 fi Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa fi hoggntoonni biyyoota garichaa argamaniiru.
Ministirri Muumee Dr.Abiyyi Ahimad yaa’icharratti hirmaachaa jiru.
Ya’iin biyyoota garee 20 bara kanaa guddina Dinagdee Hirmaachisaa fi fulla’insa qabu irratti xiyyeeffata jedhaniiru.
Yaa’icharratti mariin faayinaansiin hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa idaa idil-addunyaa, fi biyyoota miseensaa hunda qixa fayyadamoo taassisuu irratti xiyyeeffatan ni gaggeeffamu.
Hoggantoonni kun dhaabbilee faayinaansii idil-Addunyaarratti fooya’insi akka taassifamuuf dhiibbaa taassisu kan jedhame yoo ta’u, waljijiiraa daldalaa guddisuu fi fayyadamummaa dinagdee haqa qabeessa mirkaneessuun Ajandaawwan xiyyeeffannoon itti kennamu dha.
Jijjiirama haala qilleensa ittisuu, cehumsa Anniisaa haqa qabeessa mirkaneessuu fi sirna sorataa cimaa ijaaruun dhiibbaan hin raafamne xiyyeeffannoon itti kennameera.
Hubannoo Namtolchee, Bulchiinsa daataa, Albuudawwan gatii qaalii fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee ajandawwan biroo ya’ichaatti.
Keessumaa Biyyoota Kibbaa fi biyyoota Afrikaa Seera qabeessaan akkaataa itti fayadama teekinooloojii fi qabeenya uumamaa qixa sirrii ta’een fayyadamuun misooma haqa qabeessaa fi itti fufinsa qabu mirkaneessuu irratti mariin ni gaggeeffama.
Yaa’iin biyyoota garee 20 hanga boruutti ni tura.