Itiyoophiyaan akkaadaamii daandii baaburaa ijaaruufi - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan akkaadaamii daandii baaburaa ijaaruufi
Sadaasa 13/2018(TOI)- Itiyoophiyaan Afrikaa Bahaatti dorgomaa kan ta’e akkaadaamii daandii baaburaa ijaaruufi
Akkaadaamichi Magaalaa Bishooftuu aanaa Kiiloleetti kan ijaaramu yoo ta’u, ijaarsi kun lafa heektaara 62 irratti raawwatamu bsameera.
Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee fi hoji gaggeessaan Korporeeshinii daandii Baaburaa lafoo Itiyoophiyaa Injiinar Hilliinaa Balaachoo Magaalaa Bishooftuu aanaa Kiiloleetti dhagaa bu'uuraa kaa'aniiru.
Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee wayita kana akka jedhanitti, bu’uuraalee daandii baaburaa ammayyaa biyyoota ollaa hunda waliin wal qunnamsiisan hundeessuun dabalatatti, industiricha hirkattummaa biyya alaa irraa bilisa baasuuf teeknooloojiin deeggarame bocamee hojiirra oolaa jira.
Industirii daandii baaburaatiif humna namaa ogummaan gahoome horachuuf akkasumas ogeessota bakka bu’oota leenjisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkaadaamiin daandii baaburaa Itiyoophiyaatti ijaaramuuf jiru, yeroo xumuramu, dhaqqabamummaan industirichaa akka dabaluuf gargaara jedhaniiru.
Ogeessota biyyoota ollaa irraa dhufaniif leenjii kennuun madda sharafa alaa ta’ee akka tajaajilus hubachiisaniiru.
Hojii gaggeessaan Korporeeshinii daandii Baaburaa Itiyoophiyaa injiinar Hilliinaa Balaachoo, geejjibni baaburaa sochii meeshaalee biyya alaa fi biyya keesaa ariifachiisuun ni mijeessa jedhaniiru.
Akkaadaamichi yeroo xumuramu naannicha dippiloomaasii barnootaa waliin kan walqunnamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Akkaadaamichi magaalattiif kennaa fi hawata turizimii dabalataa ta’ee kan tajaajilu ta’uu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsaniiru.
Kanaaf bulchiinsi magaalichaa ijaarsi akkaadaamichaa yeroo qabameef keessatti akka xumuramu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.