Tamsaasa Kallatti:

Dhaqqabamummaan hawattummaa turizimii magaalaa Finfinnee akka dabaluuf Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa gahee olaanaa qaba

Sdaasa 13/2018(TOI)-Dhaqqabamummaan hawattummaa turizimii magaalaa Finfinnee akka dabaluuf  Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa gahee olaanaa akka qabu biroon komunikeeshinii magaalaa Finfinnee beeksise.

Dorgommiin Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa kiloomeetirri 10 boru Sadaasa 14 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

Fiigicha kana ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin, itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Haftaayi G/Igzaabiheer, Fiigichi Guddaan Itiyoophiyaa miidhagina magaalittiif gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Akkasumas hariiroo jireenya hawaasummaa cimsuun gahee olaanaa bahata jedhan.

Dorgommiin kun magaalaa Finfinnee bal’inaan addunyaaf beeksisaa kan ture ta’uu eeruun, gara fuuladuraattis baay’inni turistootaa akka dabaluuf shoora olaanaa bahata jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanatti bu’uuraaleen misoomaa hedduun hojjetamuu eeruun, hirmaattonni dorgommichaas bu’uuraalee misoomaa kanneen hawaasa idil addunyaaf akka beeksisan waamicha dhiyeessaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnees dorgomtoota deeggaruun miidhagina dabalataa akka kennaniif dhaamaniru.

Bulchiinsi magaalichaa turizimii ispoortii bal’inaan beeksisuuf kan hojjetu ta’uu fi deeggarsa taateewwan ispoortii akkanaa cimsuu kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015