Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan nyaata Barattootaa guddina sektera Barnootaaf qooda olaanaa gumaachaa jira

Sadaasa13/2018(TOI )-   Sagantaan nyaata Barattootaa Manneen Barnootaatti eegalame  guddinaa fi  bayyanachuu sektera Barnootaaf  qooda olaanaa  gumaachuusaa  hoggantoonni  Waajjira Barnootaa  Godina Shawa Bahaa fi Magaalaa Adaamaa   dubbatan. 
Godinaa fi  Bulchiinsa  Magaalichaatti  sagantaan nyaata Barattootaa  hojiirra ooluu hordofuun bu’aa argame  ilaalchisuun TOI hoggantoota Barnootaa Godina Shawaa  Bahaa fi  Magaalaa Adaamaa  dubbiseera.
Itti Gaafatamaan Waajjira  Barnootaa Godina shawa Bahaa  Girmaa Lammaa  Bara Barnootaa qabametti  hojii baruu fi barsiisuu  dadammaqsuuf  hojiiwwan ijoo qabaman keessaa  tokko sagantaa  nyaata Barattootaati. 



Bu’uuruma Kanaan bara kana Godinichatti manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa 744tti Sagantaan Soorata Barattootaa  eegaluu dubbataniiru. 
 Manneen Barnoota hafanitti   sagantaan soorataa   eegaluuf  hojetamaa jiraachuu  eeraniiru. 
Nyaanni Barattootaa Mannee Barnootaatti  eegalauun   addaan kutinsa  barattootaa  kan hir’ise ta’uu  fi  hirmaannaa fi fudhannaa Barnoota Barattootaa guddisuu  hubachiisaniiru. 
Sagantan nyaata barattootaa eegaluun  guddinaa fi bayyanachuu  sektera barnootaaf  qooda olaanaa  gumachaa jira jedhaniiru. 
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Adaamaa Obbo Darajjee Tasfaayee , sagantaan soorata barattootaa  damee barnootaan  jijirama guddaa  fidaa kan  jiru  muuxannoo  gaarii ta’u  dubbataniiru. 



Bulchiinsa  magaalichaatti   bara darbe manne barnootaa  idileen duraa 32 fi  sadarkaa 1ffaa 64  sagantan soorataa  eegaluu  kaasuun  bara kanas cimee itti fufuu  ibsaniiru. 
Kanaanis nageenyi barattootaa akka eegamu ,  fudhannaan  barnootasanii akka guddatuu fi  qulqullina barnootaa mirkaneessuuf   baay’ee gargaara  jedhaniiru. 
Sagantaa hojiirra oolmaasarratti qooda fudhattoonni  adda addaa , dhaabbileen tola ooltotaa, jiraattonni magaalichaa fi  kanneen biroon  kan hirmaatan ta’uu  eeruun hirmaannaa fi tumsisaanii cimee akka ittifufuf gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015