Waarshichi sanyii Shonkoraa Agadaa haaraa gara omishaatti galchuufi - ENA Afaan Oromoo
Waarshichi sanyii Shonkoraa Agadaa haaraa gara omishaatti galchuufi
Sadaasa13/2018(TOI )-Qabiyyee Shukkaarasaaniin sanyii duraanii caalaa kan fooyya’anii fi qorannoon kan misooman sanyii Shonkoraa agadaa haarawaa toorba omishatti galchuuf akka ta’e Waarshaan Shukkaara Wanjii beeksise.
Adeemsi qorannoosaanii xumuramee sadarkaa sanyiitti baay’ifamanii gara omishaatti akkka galan sanyii Shonkoraahagadaa haarawaa adda baafaman keessaa Afur Mandhaalee ta’uusaanii waarshaa Shukkaaraa Wanjiitti hoogganaan Qorannoo fi tajaajilaa hubannoo uumuu Amrootee Taklee TOI’f ibsaniiru.
Sanyiiwwan mandhaaleen kun, L-151(agadaa adii) ,L-153 (Shonkoraa buskullaa),L-159(shonkoraa adii) fi L-422 ta’uusaanii ibsaniiru
Gama biroon sadii Faransayii kan dhufan ta’uu eeruun isaanis, PSR-97092, FG-04298, FG-04197 kan jedhaman sanyiiwwan Shonkoraa agadaa ta’uusaanii hubachiisaniiru.
Sanyiiwwan kun sadarkaa Agadaa gaariirra jiraachuu eeruun, yeroo dhaabbii bara kanaa misoomsuun baay’isanii gara tajaajila omishaatti galchuun ni danda’ama jedhaniiru.
Sanyiiwwan shonkora Aagadaa haaraan yeroo gahanitti ariitiin dhibee dandamatanii haala qilleensaa kam keessattuu madaquunii fi qabiyyee Shukkaara saaniin sanyiiwwan duraan turanirraa fooya’oo ta’uusanii mirkaneessaniiru.
Hoogganaan wajjira Hojii gaggeessaa olaanaan warshichaa Iyu’el Leelangoo gamasaaniin, sanyiiwwan shonkooraa adeemsa oomishaarra jiran sagal waarshichi ammaan dura itti fayyadamu keessaa qooda olaanaa kan qaban sadii qofa ta’uu kaasaniiru.
Kanaaf hanqinni gosa sanyii Shonkoraa Agadaa rakkoo bu’uuraa industirii Shukkaaraa ta’uu eeraniiru.
Bu’uuruma Kanaan qorannoon sanyiiwwan haarawaa xumuramee gara boqonnaa itti aanuttu ce’uun Industirii Sukkaaraa keessatti rakkoo bu’uuraa gosa sanyii shonkoraa hagadaa ni hir’isa jedhaniiru.
Qorannoo Sanyiiwwan Shonkoraa hagadaa haaraa toorba kan gaggeessan damee qorannoo fi leenjii fi warshaa Shukkaaraa Wanjii waliin ta’uunidha.