Makaanaayizeeshinii qonnaa qindoomina qabu hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Makaanaayizeeshinii qonnaa qindoomina qabu hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasifameera
Sadaasa 13/2018(TOI)-Makaanaayizeeshinii qonnaa qindoomina qabu hojiirra oolchuun, oomishaa fi oomishtummaa dabaluun, fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneesseera jedhe Waajjirri Qonnaa godina Guragee fi aanaa addaa Qabeenaa.
Qonnaan bultoonni wabii nyaataa ofii mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa sababeeffachuun gareen ogeeyyii miidiyaa biyyattii irraa walitti dhufan, kilaastara xaafiifi boqqolloo, qonna kuduraa fi muduraa Godina Giddugaleessa Itiyoophiyaa aanaa Addaa Qabeenaa fi godina Guraagee daawwataniiru.
Itti Aanaan Bulchaa godina Guragee fi itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Guraagee obbo Abarraa Wandimmuu akka jedhanitti, godinicha keessatti lafti heektaarri kuma 150 midhaan gosa adda addaan misoomaa jiraachuu himaniiru.
Godinicha hedduu keessatti midhaan kilaastaraan kan oomishame ta’uu eeruun obbo Abarraan, hojii kanaan dabalatatti asiidummaa biyyee wal’aanuuf nooraan kuntaala kuma 30 hojiirra ooluu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni eeggattummaa roobaa jalaa akka bahan gochun, waggaatti yeroo sadii oomishuu akka danda’an taasifameera jedhan.
Akkasumas naannichatti oomisha alergii irratti xiyyeefatamee hojjetamaa jiraachuus eeruun, midhaan alergiif oolan kan akka Boloqqee fi Roozmarii xiyyeeffannoon, bal’inaan oomishamaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoota yaada isaanii TOIf kennan Makiyaa Nagaashiifi Abdulfattaa Jamaal kilaastaraan oomishuun oomishaafi oomishtummaan isaanii akka dabaluuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa kanatti wabii nyaataa mirkaneessuun dabalatatti gabaa alaaf dhiyeessaa jiraachuun faayidaa olaanaa argachaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti aanaa bulchaa aanaa Qabeenaa fi itti gaafatamaan waajjira qonnaa obbo Abdiishikuur Daliil, jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojiin qonna kilaastaraan deeggarame oomishi boqqolloofi xaafii oomishamaa jiraachuu eeraniiru.
Akka fakkeenyaatti qonnaan bultoota modeela ta’aniin, lafa heektaara tokko irraa hanga oomisha callaa kuntaala 110 argachuun akka danda’ame himaniiru.
Akkasumas gandoota hunda keessatti kilaastarri xaafii hojiirra ooluun, oomishaafi oomishtummaan akka dabalu taasifameera jedhan. Gama biraan innisheetifii kuduraafi muduraa 30:40:30 jedhu fayyadamuun gandoota kuduraafi muduraa uumuun danda’ameera jedhaniiru.