Poolisiin Magaalaa Finfinnee Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa boru gaggeeffamuuf daandiiwwan cufaa ta’an beeksise - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa boru gaggeeffamuuf daandiiwwan cufaa ta’an beeksise
Sdaasa 13/2018(TOI)-Yeroo 25ffaaf kan adeemsifamu Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisee jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’an Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa Sadaasa14, 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu irratti hirmaattonni biyya keessaa fi alaa, ambaasaaddaroonnii fi atileetotni affeeraman hedduun kan irratti hirmaatan, fiigichi kun ka’umsi isaafi xumurri isaa Addabaabayii Masqalaa irraa akka ta’e ibsameera.
Fiigichi kuni jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’an poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Nageenya waliiniif jecha, hirmaattonni dorgommichaa sakatta’iinsi akka jiraatu beekanii deeggarsa barbaachisu gochuu akka qaban poolisiin beeksiseera. Poolisiin magaalaa Finfinnee jiraattonni naannolee hirmaattonni dorgommii kanaa itti darban jiraatan, akkuma kanaan duraa humnoota nageenyaa cinaa dhaabbachuun tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.
Dorgommichi nagaan jalqabamee nagaan akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaa qophii dursaa taasisanii gara hojiitti seenuu ibsameera.
Kaayyoo dorgommichaan ala hojiiwwan seeraan alaa fi ergaa dabarsuun miira dorgommii waan jeequuf, qindeessituu fi hirmaattonni of eeggannoo barbaachisu akka godhan yaadachiifameera.
Haaluma kanaan Dorgommichi jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataaf cufaa ta’an
Adda baabaayii Olompiyaatii gara Adda baabaayii Masqalaa(Adda baabaayii Olompiyaa)
Adda baabaayii Xilahuunirraa gara Saanjooseef Mabraat(Adda baabaayii Xilahuun),konkolaattota gurguddaaf Siniimaa Agonaa
Ibsaa Gamtaa Afrikaa irraa gara ada baabayii Meeksikoo(Xiyyit Beet Masqalanyaa)
Ibsaa Paarlaamaa irra gara marfata konsan(ibsaa Paarlaamaa)
Marfata Konsan irraa gara Gabri’eel(Marfata Konsan)
Xiyyit Beet irraa gara duuba Gabri’ee(Marfata Xiyyit Beetii)
Adda baabaayii dubartootaa irraa gara Kaasaanchisitti(Adda baabaayii dubartootaa)
Adda baabaayii dubartootaa irraa gara Tootaal Kaasaanchisitti(Adda baabaayii dubartootaa)
Addabaabayii 22 ykn Gamoo Zarihuun irraa gara Addabaabayii Uraa’el (Walqunnamtii Gamoo Zarihuun).
Daandii Haaraa Piikook irraa gara Addabaabayii Uraa’el (Ibsaa Piikook)
Addabaabayii Gaazeboo irraa gara Danbal (Addabaabayii Gaazeboo)
Qaxxaamura Mana qulqullummaa Qiirqoos irraa gara ibsaa Laga Haaritti(Mana Qulullummaa Qiirqoos)
Marfata Hospitaala Landmark irraa gara Hoteela Gannat ykn gara ibsaa Gannat (walqunnamtii Hospitaala Landmark)
Gamoo Xamaamaa irraa gara adda baabaayii Meeksikootti(Walquunnamtii gamoo Xamaamaa)
Daandii Gamtaa Afrikaa irraa gara Addabaabayii Meeksikoo (Walquunnamti Warshaa Rasaasaa Meeksikoo )
Ibsaa Farasanyaa irraa gara dirree Caffeetti(ibsaa Farasanyaa)
Walquunnamtii Mollaa Maaruu irraa gara nannoo Geejjaa(Walquunnamtii naannoo Geejjaa)
Addabaabayii Mana Murtii Ol’aanaa irraa gara Addabaabayii Meeksikoo (Addabaabayii Mana Murtii Ol’aanaa)
Sangaa Taraa 40/60 irraa gara ibsaa Sangaa Taraa (Marfata Sangaa Taraa 40/60)
Ibsaa Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyoolessaa(Ibsaa Gommaa Quxxabaa)
Marfata Meetirooloojii irraa gara ibsaa mana Poostaa(Marfata Meetirooloojii)
Sheelii Hospilaa Xuqur Anbassaa irraa gara Immigireeshinii(Sheelii Xuqur Anbassaa)
Mana Qulqullummaa Mikaa’elaa Gollaa irraa gara Immiigireeshinii(Walquunnamtii Mikaa’ela Gollaa)
Addabaabayii Teediroos irraa gara Masaraa Mootummaatti (Addabaabayii Teediroos)
Daandiiwwan armaan olitti ibsaman hanga dorgommiin xumuramutti ganama sa’aatii 11:30 irraa eegalee akka cufaman, daandiiwwan armaan olitti ibsaman irratti yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraa irratti konkolaataa dhaabuun Dilbata galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee akka dhorkamu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Tajaajila poolisii argachuuf lakkoofsa bilbilaa 011 1110111 ykn lakkoofsa bilbilaa bilisaa 991 fayyadamuun bilbiluu akka danda’amu poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.