Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Fayyaa dooktar Maqdas Dhaabaa, Hospitaala Waliigalaa Jinkaatti argamuun yaalamtoota vaayirasichaan wiirtuuwwan adda baafamanii yaalamaa jiran daawwatan

Sadaasa 12/2018(TOI)- Ministirri Fayyaa dooktar Maqdas Dhaabaa, Hospitaala Waliigalaa Jinkaatti argamuun yaalamtoota dhibee vaayirasii Maarbargi wiirtuuwwan adda baafamanii yaalamaa jiran daawwataniiru.


 

Bakkeewwan yaalamtoonni vaayirasichaa adda baafaman argamanitti daawwannaa taasisaniin Dr. Maqdas akka jedhanitti to’annooniifi hordoffiin dhibee vaayirasichaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Wayita ammaatti namoonni sadii qofa dhibee vaayirasii Maarbargiin qabamanii kan jiran ta’uu eeruun, yaalli barbaachisaan isaaniif taasifamaafii jiraachuu himaniiru.

Dhibeen vaayirasichaa akka hin babal’anneef hawaasni of eeggannoo cimsuu akka qabu dhaamaniiru Dr. Maqdas.

Bulchaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa kan ta’an obbo Xilahuun Kabbadaa gama isaaniin akka jedhanitti,dhibeen vaayirasii Maarbargi rakkoo hawasumaa hamaa akka hin geessisneef qaamoleen hunduu tattaaffii taasisaa jiraachuu himaniiru.


 

Hawaasnis gorsa ogeessonni fayyaa kennan hojiirra oolchuun,vaayirasichi akka hin babal’anneef gargaaruu akka qabu dhaamaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannichaa obbo Indaashaawu Shibbiruu gama isaaniitiin vaayirasii Maarbargi ittisuuf sosochiin qindoomina qabu qooda fudhattoota hirmaachise adeemsifamaa jiraachuu eeruun, hawaasa birattis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Dhaabbilee fayyaaf meeshaalee yaalaa guutuun, hojiin to’annoofi ittisa vaayirasichaa bu’a qabeessa akka ta’uuf deeggarsi itti fufee jiru gara fuula duraattis cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Ministeerri Fayyaa hospitaalichaaf meeshaalee adda addaa birrii miiliyoona 18tti tilmaamamu kan vaayirasicha ittisuuf gargaaran deeggarsa taasiseera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015