Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Ramafosaa waliin mari’atan

Sadaasa 13/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Ramafosaa waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsanin jala bultiiyaa’ii miseensa garee hooggantoota Afriikaa garee 20tti pirezidaantii biyya yaa’icha qopheessituu Siiriil Ramafoosaa waliin wal arguusaanii ibsaniiru.

Yaa’iin seensa qabeessi G-20 dachee Afriikaarratti qophaa’uusaatiin dhimmoota garagaraa irratti akka sumas yaa’ii kanarratti sagalee fi fedhiin waloo Afriikaa haala dhihaachuu danda’urratti mari’achuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015