Tamsaasa Kallatti:

Dandeettii raabsaa buufata humna elektiriikaa Goodee guddisuun humna dabalataa kennuuf hojjetamaa jira

Sadaasa 13/2018(TOI)-Dhaabbanni Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa buufata raabsaa Goodee kiiloo vooltii 230 irratti tiraansifoormara dhaabuun humna dabalataa kennuuf hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Humna Elektirikaa Itiyoophiyaatti Daariktara komunikeeshinii kan ta’an obbo Mogos Mokonnin Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka himanitti, hojiin itti fufee jiru tiraansifoormara dabalataa humna meeggaa vooltii 25 qabu dhaabuudha.

Tiraansifoormarri kun humna dabalataa hanga meeggaa waattii 22.5 dabalu kaa’uu akka danda’us ibsaniiru.

Hojiin kun yeroo xumuramu fedhii anniisaa jiraattota magaalota naannawaa, Goodee dabalatee, akkasumas kanneen biroo fi invastimantii naannoo sanaa dabaluun, invastaroonni gara naannichaatti akka dhaqaniif carraa kan banu ta’uu dubbataniiru.

Dandeettii raabsaa buufata kanaa gara meeggaa waattii 77tti guddisuuf dhaabbiin tiraansifoormaraa baatii tokko keessatti xumuramuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Walumaa galatti Naannoo Somaalee magaalota Jigjigaa, Qabrii Dahaar,Dagaahabuurii fi Goodee keessa buufataaleen raabsaa humna olaanaa baachuu danda’an akka jiran hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015