Godinichatti bunni qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 gabaa jiddu galeessaaf ni dhihaata - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti bunni qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 gabaa jiddu galeessaaf ni dhihaata
Sadaasa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaattii buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri daldalaa godinichaa beeksise.
Bakka bu’aan hoogganaa waajjirichaa obbo Qaasim Jamaal TOI’f akka ibsanitti, godinichatti buna lafa heektaara kuma 130 caalu irratti misoomerraa buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalaa gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira.
Karoorri buna gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf barana qabame kan bar-dheengaddaa toonii kuma 1 akka caalu eeraniiru.
Qulqullina bunaa mirkaneessuuf asheeta buna diimaa funaanuun sireerratti gogsuun gabaarratti dorgomaa ta’uun akka danda’amu hojmaannii diriirfamuu dubbataniiru.
Buna qulqulluu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf daldaltoonni 132 fi Yuuniyeenonni lama eyyama fudhachuusaanii ibsaniiru.
Yuniyeenii fi daldaltoonni kunneen Industiriiwwan35tti buna goge mulqanii qopheessanii gabaaf akka dhiheessan dubbataniiru.
Hoji gaggeessaan Yuniyeenii waldaa hojii gamtaa Burqaa Galeyittii obbo Sofiyaan Ahimad akka jedhanitti, waldaaleen Yuniyeenicha jala jiran qulqullina bunaa mirkaneessuuf funaanuurraa eegalee amma gabaa bahutti qulqullinaaf xiyyeeffannoo akka kennan hubannoon kennameera.
Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Hrargee Lixaatti dursaan garee bunaa fi misooma mi’eessituu obbo Olumaa Badhaanee gamasaaniin, qonnaan bunaa buna bilchaataa diimate qofa funaanuun qabdoo qulqulluun gabaa jiddu galeessaf akka dhiheessan ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaafii jiru jedhaniiru.