Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira
Sadaasa12/2018(TOI )-Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taassifamaa jiraachuun ibsame.
Ijaarasa paarkii industirii misooma Qonna Qindaa’aa Naqamtee kutaa Lixa biyyattii qabeenya misooma qonnaa jiru galtee dabaluun walitti hidhaminsa gabaa uumuuf kan kaayyeffatedha.
Ijaarsa paarkii industirii qonnaaf baajatni birrii biiliyoona 6 ramadamuun hojjetamaa kan jiru omisha qonnaarratti galtee dabaluun gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf qooda akka qabaatu amanameera.
To’aataan Ijaarsa paarkii industirii Magaalaa Naqamtee Obba Bayyanaa Jabeessaa, bara 2013 eegalee sababa adda addaan harkifataa kan ture paarkiin industirii kun, saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Paarkichi Lafa hektaara 250 irra kan buufatee fi marsaa lamaan kan ijaaramu yoo ta’u qaama ijaarsa marsaa jalqabaa kan ta’e Gamoon Bulchiinsaa, Dallaa, Konteenaraa fi lafasaa qulqulleessuun hojjetamuu ibsaniiru.
Paarkichi xumuramee gara hojiitti galuun Omisha Qonnaa Naannoo sanaa qindeessuun gabaaf oolchuun fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa akka guddisu kan himan immoo hojii gaggeessa paarkii industirii Naqamtee Injiinar Mootii Mul’ataati.
Kanaanis namoota kuma 20’f carraa hojii uumurra darbee godinaalee ollaa fi hawaasa naannichaaf walitti hidhaminsa gabaa akka mijeessu dubbataniiru.
Gorsaan paarkichaa obbo Sisaay Asaffaa gamasaaniin, paarkichi omisha qonnaa qindeessuun omisha alaa galan bakka buusuu fi dabaluun gabaaf dhiheessuuf qooda olaanaa qabachuu ibsaniiru.
Ijaarsi paarkicha carraa hojii yeroo uumuurra darbee cehumsa Teekinooloojiif akka deeggaru hubachiisaniiru.
Jiraataan magaala naqamtee obbo Abiyyuu Dhibbisaa, carraa hojii ijaarsa paarkichaan uumameefiin ofiisaa fi maatiisaa bulchaa jiraachuu himaniiru.
Paarkichi misoma qonnaa naannoo beekamu caalaatti akka omishuu fi carraa hojii uumuun humna dabalataa akka ta’u abdii godhachuusaanii ibsaniiru.