Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoolee akaakuu gara garaa 300 geeggessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoolee akaakuu gara garaa 300 geeggessaa jira
Sadaasa 12/2018(TOI) Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoo akaakuu gara garaa 300 ol gaggeessaa jiraachuu beeksise.
Giddugalichi qorannoolee haara'aa geeggessaa jiruun cinaatti isaan bara darbe gadhiifaman gosa gara garaa lafa heektaara 210 caalurratti sanyiilee ka'umsaa baay'isaa jiraachuunis ibsameera.
Hojii gaggessaan Giddugalichaa Obbo Taammanaa Miidhaqsaa giddugalichi tattaffii wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon deeggaraa jiraachuu dubbatan.
Qorannoolee akaakuu gara garaa 300 caalan bara bajatichaatti geeggeffamaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu eeran.
Qoranooleen geeggeffamaa jiran keessaa misooma midhaanii, qabeenya uumamaa, qorannoo bunaafii shaayii dabalatee adeemsa hojii saddeet jalatti geggeffamaa jiraachuus eeran.
Giddugalichi qorannoolee geeggeffamaa jiran keessaa hanga xumura bara bajatichaatti isaan bu'a qabeessa ta'an 45 fayyadamtoota biraan gahuuf karoorfachuus yaadachiisan.
Qorannoolee haara'aa geeggeffamaa jiraniin cinaatti sanyiilee ka'umsaa bara darbe keessa gadhiifaman akaakuu gara garaa lafa heektaara 210 irratti baay'isaa jiraachuus ibsaniiru.
Sanyiileen baay'ifamaa jiranis oomishtummaa caalmaa dhibbantaa 10 olii isaan dura gadhiifamanirraa kan qaban ta'uus yaadachiisan.
Giddugalichi baroottan dabran keessa akka adeemsa qorannoo midhaaniitti bu'aalee qorannoo 106 ta'an baasuun fayyadamtoota biraan gahuu kan yaadachiisan ammoo abbaa adeemsa qorannoo midhaanii fi qorataa ol'aanaa midhaan dheedhii fi dibataa Obbo Taaddalaa Taaddasaati.
Dhaabbilee seera qabeessa midhaan dheedhii fi dibataa bal'inaan baay'isuun qonnaan bulaa biraan gahurratti hojjatan wajjiin qindoominaan hojjachuuf fedhii kan qaban ta'uus yaadachiisan.
Giddugalichatti qorataan dhibee midhaanii Obbo Daanyee Korraa gama isaaniitiin giddugalichi hudhaalee oomishtummaa kanneen akka aramaa, dhibee midhaani fi itti fayyadama keemikaalaa irratti qorannoo geeggessuun cinaatti leenjii hubannoo qonnaan bultootaaf kennaa jiraachuu kaasan.
Keessattuu dhibeen mataa shamsaa oomishtummaa qamadii miidhaa jiru qorannoo isaanii ijoo keessaa tokko ta'uus dubbatan.
Bara 1978 kan hundaa'e Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa hanga ammaatti bu'aalee qorannoo akaakuu gara garaa 116 baasuun fayyadamtoota biraan gahuu odeeffannoon Giddugalichaa ni agarsiisa.