Sagantaan maaddii guutuu omishtummaa qabeenya Qurxummii guddisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan maaddii guutuu omishtummaa qabeenya Qurxummii guddisaa jira
Sadaasa 12/2018(TOI )-Sagantaan maaddii guutuu Itiyoophiyaa omishtummaa qabeenya qurxummii guddisuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Sagantaan maaddii guutuu Onkoloolessa 23 bara 2015 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin Magaalaa Arbaa Minichitti eegalame qabeenya beelladaa fi qurxummii irratti jijjiiramni boonsaan akka galmaa’u taassisaa jira.
Sagantichi caalaatti misooma bu’aa beelladaa Aannan, Killee, foon, Dammaa fi qabeenya qurxummii guddisuun galma misooma biyyoolessaa sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kaayyeffate dha.
Wabii nyaataa fi sirna soorataa fooyyessu, omishtummaa beelladaa fooyyessuu , sadarkaa maatiitti nyaataan of- danda’uu , magaalaa fi baadiyaatti omishaa fi waliti hidhaminsa gabaa guddisuun carraa hojii uumuu akkasumas, galii bu’aa beelladaa kan biyya keessaan bakka buusuun kaayyoo sagantichaa isaan ijoodha.
Kanaanis misooma qabeenya beelladaa fi qurxummiin fayyadamummaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fooyyessuun fedhii omisha hawaasa shammata deebisuun jijiirama qabatamaa galmeessuurratti argama.
De’eetaan ministira Qonnaa Dr.Fiqiruu Raggaasaa turtii TOI waliin taassisaniin sagantaan maaddii guutuu birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuuf qooda murteessaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Omishtummaa Qaama Sagantaan maadii guutuu kan ta’e misooma qurxummii guddisuuf hojii hojjetameen bara bajataa 2018 kurmaana jalqabaatti qabeenya qurxummii toonii kuma 48 ol ta’e omishuun danda’ameera jedhaniiru.
Qaama bishaanii Misooma qurxummii idilee ta’een alatti dabalataan haroo nam-tolcheen misooma qurxummii babal’isuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aawwan quubsaan akka galmaa’an gochuu ibsaniiru.
Qabeenya Qurxummii Itiyoophiyaatti guddisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran guddina omishtummaarratti milkaa’ina gaarii galmeessisuu akka danda’ame hubachiisaniiru.
Kurmaana waggaatti qurxummii toonii kuma 41 omishuuf karoorfamee toonii 48 omishuun danda’’ameera kan jedhan de’eetaan ministiraa kun, yeroo ammaa omishtummaa qurxummii waggaatti dachaa sadiin guddisun danda’amuu ibsaniiru.
Omishtummaa qabeenya qurxummii guddisuuf gidduu gala raabsa cuucii qurxummii idilee haaressuunii fi gidduugala dabalataa ijaaruun hojii cuucii qurxummii rabsuu hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Misomni qurxummii sirna soorataa fayyaa qabeessa ijaaruun lammiilee carra hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara kana cuucii qurxummii miiliyoona 13 ol rabsuuf karoorfamee ka’umsa karoora qabameen kurmaana waggaatti cuucii qurxummii miiliyoona 2 tuqaa 3 rabsuun danda’amuu beeksisaniiru.