Itiyoophiyaa fi Raashiyaan qonna ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Raashiyaan qonna ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf mari’atan
Sadaasa 12/2018(TOI)-Itiyoophiyaa fi Raashiyaan qonna ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf mari’ataniiru.
Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaan dhimma hariiroo qonna ammaeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu biyyoota lameenii irratti itti aanaa Ministira Qonnaa Raashiyaa Andireey Raaziin fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.
Qonnaan diinagdee Itiyoophiyaaf damee ijoo ta’uu hubachiisuudhaan, Itiyoophiyaan Raashiyaa waliin tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasiftu keessatti muuxannoo wal jijjiiruun waliin hojjechuu akka dandeessu irratti mari’ataniiru.
Mariin isaanii muuxannoo waljijjiiruu fi deeggarsa teeknikaa biyyoota lameenii irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtuuf deeggarsa teeknikaa olaanaa taasisuu fi waliigaltee biyyoota lameenii irratti waliin hojjechuuf walii mallatteessuuf waliigaluu isaanii marii kanarratti ibsameera.
Keessumaa sanyii midhaan fooyya’aa irratti waliin hojjechuuf walii galuu fi cuunfaa zayitaaf kan oolu, biqilaa suufii itti fayyadamuuf haala dandeessisu irratti marii’atameera.
Kunis Itiyoophiyaan zayita nyaataan of danda’uuf tattaaffii taasisaa jirtu dachaan kan dabalu ta’uu himameera.
Karaa biraan biyyoonni lamaan karaa damee dhuunfaatiin qorannoo qonnaa fi saayinsii irratti invast gochuu, akkasumas damee qorannoo qonnaa keessatti carraa barnootaa mijeessuu irratti waliigalaniiru.
Raashiyaan akkamiin wabii nyaataan akka of dandeesse muuxannoo ishee Itiyoophiyaaf akka qooddus walii galameera.
Konfiraansiin idil-addunyaa biyyoota Afrikaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf kaayyeffate, Federeeshinii Raashiyaatiin qophaa’e kaleessa magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffame ni yaadatama.
Waltajjiin kun tumsa naannoo cimsuu, sirna qonnaa itti fufiinsa qabuu fi haala qilleensaa dandamatu dagaagsuu, biyyoonni Afrikaa ofuma isaaniitiin wabii nyaataa akka galmaan ga’an dandeessisuu akka ta’es ibsameera.