Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa tokkummaa biyyoolessaa cimsuu fi badhaadhina biyyaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa tokkummaa biyyoolessaa cimsuu fi badhaadhina biyyaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jira
Sadaasa 12/2018(TOI)-Guyyaan ayyaana kabaja Saboota,Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun, badhaadhina biyyaaf shoora olaanaa bahachaa jiaraachuu Af-yaa’iin Mana Mare magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadiir ibsani.
Waltajjiin marii hawaasaa qaama kabaja guyyaa saboota, sablammootaa fi uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa ta'e, magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru, irratti bakka bu'oonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi bakka bu’oonni naannolee irraa dhufan hirmaataa jiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee,Buzeenaa Alkadir haasaa waltajjicharratti taasisaniin, guyyaan kun hariiroo walii gabbisuu fi wal baruu, akkasumas bu’aa misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru ilaaluuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.
Waltajjiin marii kun kan qophaa’e, hariiroo hawaasaa fi uummataa bu’aa qabatamaa mul’ata badhaadhinaa ilaaluu fi muuxannoo wal jijjiiruuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti biyyittiin gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan guddina ajaa’ibsiisaa galmeessisaa jirti jedhan.
Biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uuf adeemsa jalqabdee hojjechaa jirtu bu’a qabeessa ta’uu kaasaniiru.
Bara kana yeroo abdiin guddinaa keenyaa sadarkaa olaanaa irra jiru, magaalaa Finfinneetti guyyaa kana waliin kabajuun injifannoo irratti gammachuu qooddachuu qofa osoo hin taane, abdii egeree galmaan ga’uuf qormaata ogummaadhaan injifachuuf yerootti waadaa galamu akka ta’e cimsanii dubbataniiru.
Misoomni hunda galeessa milkaa’uu kan danda’u, tattaaffii mootummaan qofa osoo hin taanee hirmaannaa uummataatiin, tattaaffii waloo akka barbaadu Af-yaa’iin kuni hubachiisaniiru.
Nageenya waaraa fi Itiyoophiyaa badhaate dhaloota egereef dabarsuu keessatti lammiileen hundi gumaacha barbaachisaa gochuun akka irraa eegamu cimsanii dubbataniiru.